Xowolwaallee
Xowolwaallee
Intaloo qalloo magaala
Wooni kee anaaf maalalaa
Yoo nyaattuu uummanni ‘ilaalaa
Sifeeffatte moo dhaamsa jaalalaa.
Yoo sobaan karaa darban yoo galan akkam ta’an
Soballe ittiin oolanii waa garuu eessa bulan
Jalqaba obboo jedhanii akkamiin gurbaa jedhan
Cal’isee firraa haa dhiisuu soba keef natti kolfanii.
Kudhaniif harka na laaltee hadha ammoo kumaaf dhaadatte
Afrikaarraa dhiite seetee bargama bariite seete
Baargamatti hin dhiitu jettee Afrikaf bari’u jettee
Orbiitiin uumaa Rabbiitii Afrikaafille bariiti.
Ganna kumaa fi kennitee kiyya moo dawwaan baay’ifte
Tiyya ammoo womaa sigootu tan waaqaa maaliif keessa sente
Sanyii Heewanii ta’u kee kanumaa maaliif wollaaltee
Woma sii fidde ‘beennaa eennuma kuma jiraatee.
Namni hundi yoona kana akkamiin nama amanaa?
Jaaladhu malee hin amanin duuraanuu numa jedhamaa
Duraanuu numa dhageennaa amantii malee jaalala
Duudduulle yoo itti seennee hundeensaa meerre jaranaa?
♣♣♣♣♣
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home