Tuesday, April 1, 2014

Abbaayaa maal taatee?



Abbaayaa maal taatee?

Fagaattee ni deemtaa
Miila fageeffataa
Biyya hedduu beektaa
Balbala hedduu seentaa
Laga labdeessitaa[1]
Gala tooniin baataa
Worra dugdaa galta
 Dhaqxee orma soorta
Worra kee yaaddessitee
Maaf akkana taataa?
♣♣♣♣♣


[1].Labe=joore, mare,naanna’e jechuudha.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home