Oromiyaa
Oromiyaa
Oromiyaa badhaatuu
kennaa waaqa keennaa
Angafittittii cufaa
ta’uu kee si beennaa
Ati haadha teennaa
hedduu si kabajnaa
Jaalala haadhaatiin
kunoo si jaalannaa.
Jiituu magariituu
si keessa bashaanaa
Horree sirraa yaasnee
dhugnee sirraa
nyaannee
Abdii kee waan qabnuuf
boonichaan
dubbaannee
Ilmaan kee gurraachi,
diimaa fi
magaallille
Abdiin isaanii simaa
hadhaafi
borulle.
Oromiyaa
bareedduu
daawwadhu si hinquufu
Himeetuma hinfixu
akkattiin si jaju
Eebballe itti beennaa
martinuu siif haa tufuu
Ilaa arrabarraa hafi
guddinni kee itti fuffuu
Buqqisuuf kakannee
waan siif ta’aa
gufuu
Ayyoo tiyya badhoo
tan garaa bal’attu.
Oromiyaa keessaa
mana tokko tan
qabdu
Daawadhe hinfixu
laakka’e hinfixu
Qabeenna mana san keessaa
ijoollee achi
keessaa
Ee jagnoomina isaa
ee qaroomina isaa
Abbaa worraa isii
nuutille ilmaan isaaniitii
Isille haadha teennaa
Oromiyaa jedhamtii
Booranaa Gujii, Arsii,
Baale, Harargee
,Shawaa
Karrayyuu ,Jahan Jiillee,
Raayyaa, Gujii wondoo
Wollaga, Iluu abbaa Booraa,
Jimmaa fi Walloo
Nuuti ilmaan Oromooti
haati teenna
Oromiyaa
Ilmille abbaan waamamaa
nu ilmaan Abbaa
Gadaati.
Boorana naanna’ee
ka’eetan daawadha
Ka’ee bareeffadhaa
seenaa Abbaa Gadaa
Gumii Gaayoo taa’ee
labsii dhaggeeffadha
Aannaan loonii dhugaa
foon re’ee
nyaachaa
Gaalalle ilaalla
Mooyyalee fi
Meegga
Areero daawachaa
Aannaan keenna dhugaa
Yaa’a ballootti boqonnaa.
Gujiille daawadhaa,
Me’ee Bokko deemee
Gumii Bokkoo taa’ee
labsii
dhaggeeffadhaa
Hundee
dimookraasi
Sirna
Gadaa gaafaadhaa
Gannaalee
fi Dawwaa
biyyaan
misoonfadhaa
Worqii
Laga Dambii
biyyaan
guddifadhaa
Damma
Booree nyaachaa
Nageelletti boqqadha.
Arsiin keenna asi
isalle daawwanna
Burqaa atileetota
gandasaanii
gaafannaa
Dirree kennaa Rabbii
lafaasaa daawwannaa
Qamadii fi garbuu
aannan hanbuuqqanna
Lafa seenaa dhaqna
Aanole iyyaafanna
Assallaa-Kofale daawwannee
Shashamanne
boqqadha.
Baaleetti gad-qaarina
biyya seenaa qabdu
Biyya goota qabduu
burqaa Oromootaa
Abaaboo yaadannoo
harkatti qabannaa
Gooticha
Oromoo
general Waqoo Guutuu yaadannaa
Dirree Sheekuseen
holqa Soof-umar
ilaallaa
Laga Waabee guddaa
misomaaf oolfannaa
Odaa Roobaa jalatti
waaqayyoo
kadhannaa
Dalloomannaa fi Agarfaa
Roobetti boqqannaa.
Harargee daawannaa
kootta
wol-marfanna
Marartii fi jaalala
isaanirraa
barannaa
Odaa bultum jalatti
waaqa keenna
kadhanna
Lafa seenaa qabdu
Calanqoo
daawwannaa
Ardaa worra gootaa
kan Elem’oo Qilxuu
Iyyaateen gaaffanna
arginu
yooyyifannaa
Baddeessaa,
Ciroo, Haroomayaa
Dirree dhawatti boqonna.
Shawaa
biyya bal’aa
ilaalee si hinquufuu
Daawadhee si hinfixu
waan ati magarsitu
Waan ati biqilchitu,
waan ati garaa
qabdu
Odaa Nabee jalatti
waaqa keenna kadhannaa
Hora Arsadee dhaqna
Bishooftuu yom irraanfannaa?
Biyya goota keennaa
kan Taaddasaa
Birruu
Kan Agarii Tulluulle
achuma waan ta’eef
itti dabalannaa
Hawaas laga bal’aa
misoomaaf
oolfannaa
Adaamaa, Amboo, Bushooftuu,
Jalduu faa daawwannaa
Handhura biyya teenna
Finfinnee irbaata nyaannaa.
Wallagga daawwadhaa
sanyii kiyya
boonaa
Biyya beekaa dhale
biyya goota duraa
Kan Abdisaa Aagaa
kan Asteer Gannoo
Karaa naaf iyya’aa
an qe’eesaanii
argaa
Odaa Bulluqi jalatti
waaqayyoo kadhannaa
Nyaata aadaa keennaa
ancootee faa
nyaannaa
Laga Dhedheessaa guddaa
misoomaaf
oolfannaa
Dambii doolloo fi Najjoo
Gimbiirraan
fullaanaa
Hafuura galfannaa
Naqamtetti boqannaa.
Jimma koo dawadhaa
achi keessa bulaa
Eenyulle hinwollaluu
Jimma biyya bunaa
Kan gumaachite addunyaaf
koofii Arabikaa
Bosona biyya jimmaa
keessaasaa daawwannaa
Laga Gibee guddaa
misoomaaf
oolfannaa
Agaaro fi Limmuuti
buna keenna dhugnaa
Magaala bareedduu
Jimmarratti boqonnaa.
Iluu abbaa Booraa
biyya beekaa dhale
Biyyaa Abbaa Gammachiis
Onesmoos Nasiib
Biyya bareedduu qaraa
kan Bireelle Mahabuuba
Laga keenna Soor
misoomaaf
oolfannaa
Baddallerraa kaanee
Mattutti boqqonnaa.
Karaa kaabaa kaanee
Walloo faa daawwannaa
Bareedina uumaa
achitti dinqisiifannaa
Tolcha uumaa Rabbii
gaarreen faa
daawwannaa
Bishingaa keennarraa
sinbirroo eegannaa
Sanbateerraa kaanee
Kamisetti boqonnaa
Afeerraa haaqanaa
Finfinneerraa
qabna.
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home