Sunday, June 8, 2014

Sodaan guddaan woyyaane’ee, uummata Oromooti: Woyyaanneen Carraa qawwe’ee argatteen akkuma nafxanyaa Minilikii Oromoo ajjeeftee, hiitee, biyyaalle’ee ariitee waan gootu wollaalte.

Sodaan guddaan woyyaane’ee, uummata Oromooti: Woyyaanneen Carraa qawwe’ee argatteen akkuma nafxanyaa Minilikii Oromoo ajjeeftee, hiitee, biyyaalle’ee ariitee waan gootu wollaalte.


Mootummaan woyyaane’ee, uummata Oromoo irratti sodaafi jibba guddaa waan qabuuf,  dhimma Oromoorratti gaafa tokkolle dhugaa dubbatee hin beeku; ammas dhugaa dubbata jettanii hin eegina. Ani miidiyaa Itoophiyaa keessa hojjachaa waan tureef, amala woyyaane’ee bareechee beeka. Yeroo adda addaatti bifa leenjiilleen kan isaan leenjii jechuun nutti ‘hoqqisaa’ turan, “isin gaazexeessitoota warra lixaati miti; isin gaazexeessitoota Itoophiyaati. Isin gaazexeessitoota uummataati miti, gaazexeessitoota mootummaati male. Kanaafuu waan uummanni jedhu osoo hin ta’in waan fedhii mootummaa  qofa gabaasa. Yoo namni ille du’ee jiraate, du’a namaa sanirrattis yoo mootummaan hin feene ta’e, osoo argitanii akka nama hin agarreetti didaa; namni hin duune jedha. Afaan mootummaa ta’a…” jechuudhaan dhoqqee leenjii nutti facaasaa turan. 


Ammas, yaada hin jirre akka waan namoonni bilbilanii yookiin xalayaa barreessanii  yaadaa gaarii mootummaaf erganiitti,  “yaadaafi xalayaa kalaqa barreessaati qilleessarra oolchaa...” jechuun nu dirqisiisaa turan. Namoonni yookiin gaazexeessitoonni sammuu nama komatu hin qabne hedduun hojii kana hojjachuun jiraatan.  Keessumattu Dhaabbanni Raadiyoofi Televiziyoona  Oromiyaa, quuqama ilmaan Oromoo dhaabbata sana keessa jiranii dursee waan hubateef, akkasuma,  falmii ilmaan Oromoo irraa gara fuulduraatti itti ka’uu maltu waan shakkeef,  ilmaan Oromoo oromoof quuqaman dhaabbaticha keessaa erga yaasuu(ari’uu)  eegale  waggoottan sadi darban. 


Yoo afaan banamu sammuun ni mul’ata akkuma jedhamu, yeroo hedduu sammuu jala yaatuu Woyyaane’ee haasawa isaanii keessatti argee jira. Mee  yaaduma armaan olitti tuquu yaade itti deebi’e ibsa. Osoo haqa jiru moosisane,  uummataan male mootummaan mo’u eennuu? Isin gaaxesssitoota mootummaati male kan uummataati moti jechuun isaanii maal agarsiisaa? Silaa mootummaan karaa filannootiin uummataan filame tokko fedhii uummataatiif hojjata. Yoo uummanni fedhe qofa kan filatamu;  sana miti jennaan uummanni filannoodhaan kuffisee lafaan dhaha. Osoo dhugaan filannoon Itoophiyaa keessatti hojjatu ta’e mootummaan woyyaane’ee yoona hanga gaggeefamee as irranfatamee ture; garuu mootummaan woyyaane’ee maqaa dimokiraasii jedhu faranjii irraa dhage’ee gaaddidduu filannoo jalatti dukkaneeffatee humna qawweetiin garii ijjeessaa , garii hidhaa, garii isaanii biyyaa ari’achaa  garii isaanii immoo  maallaqaan bituun umurii isaa dheereffachaa jira. Mootummaan woyyaanne’ee  gaazexeessitootaan “isin gaazexeessitoota kooti male kan uummataati miti; waan ani jedhu malee waan uummanni jedhu hin dhaga’ina...” jechuun isaa akka uummanni isa hin jaalanneefi akka uummata humnaan bulchaa jiru agarsiisa.


Mucaa bohuuf jedhu jabbiin miilarra ijjatte akkuma mammaaksi Oromoo jedhutti, maqaa ‘shororkeessaa’ jedhu Ameerikaarraa kan dhaga’e mootummaan Woyyaane’ee, jibba Oromoorraa qabu galmaan gahachuuf  ‘labsii farra shororkeessaa’ jechuudhaan labsii baasee dhaaba Oromoo ABO dhaan ‘shororkeessa’ jedhee maqaa xureesse. Sodaafi jibbiinsaa guddaa uummatta Oromoorraa kan qabu wayyaaneen,   faashinii ‘shororkeessaa’ jedhamu kanaan,  uummata Oromoo burjaajessuu akka danda’u baree labsii baafatee hojiirra oolfate. Maqaa ‘labsii shororkeessaa’ kanaan adda dureedhaan uummata Oromoo mana hidhaatti naqachuufi ajjeesuuf, akkasuma burjaajeessee biyyaa ari’achuuf erga karaa saaqateen booda, mirgoota dhala namaatiifi mirgoota siyaasaa kan heerri biyyattii namaaf kennulle ittiin danqeera.


Mootummaa woyyaane’ee dhugaa dubbata jettanii irraa hin eegina. Midiyaaleen biyya keessaa hundi isaanii,  harki Woyyaane’ee keessa waan jiruuf dhugaa dubbata jettanii irraa hin eegina. Kan na dhibe, miidiyaa biyya sanaa keessatti, waan biraa dhiisaati sirboonni miidiyaa sanaan gadi dhiifamulleen loogii hima,  nama itti yaadee dubbatee nama sobu dhiisaati.  FKN. Sirboota afaan Tigireefi Amaaraa ilaalchisuudhaan namoonni  kilaashii yookiin qawwee qabatanii yoo sirban rakkoo hin qabu. Oromoon qawwee qabatee yoo sirbe garuu sirbi sun miidiyaan hin darbu.  Mootummaan Woyyaane’ee karaa miidiyaa isaatiin forfoqaandaa (propaganda) yoo  oofe,  gurra itti hin kennina.  Dhuufuun harreef amala waan ta’eef, yoo harreen dhuufte namni dhimma itti kennu hin jiru. Bifuma wal-fakkaatuun, forfoqaandaan mootummaa Woyyaane’ee dhugaadha jedhee  yeroo kanatti  namni fudhatu, keessumattuu Oromoo  ta’ee forfoqaandaa woyyaaneen Oromoorratti  gorortu kanaan dhugaadha namni jedhu yoo jiraate,   sammuun isaa akka yaaduu dande’uuf osoo qurxummii nyaatee gaariidha. 


Gaaffii mirgaa barattoonni kaasanii uummanni bal’aan irratti hirmaate kanaaf Woyyaaneen deebii gootee kan laatte rasaasa  yookiin ‘xiyyitii’ ture. Gaaffiin barattoonniifi uummanni kaasan gaaffii sirrii waan ta’eef, akkasuma gaaffii sana deebisuu waan hin dandeenyeef yaadni isaanii, “nama hedduu yoo ajjeefne uummanni sodaatee caldhisaa…” jedhuudhaan ajjeechaafi hidhaa deebii taasise. Nama gaaffii Woyyaaneen deebistee hin dandeenye Woyyaanee gaafate, Woyyaaneen harka lafa jalaatiin ajjeechaafi hidhaan haaluu baati yookiin adabdi. 






Gaaffii miilana yookiin dhiheenyatti barattoonni kaastee uummata baldhaa hiriirsisuudhaan gara FDG (Fincila Diddaa Garbummaatti) geeddarame kanatti Woyyaaneen rifattee hundeerraa kirkirtee jirti. Kessummattu,  yeroo OPDO fi Woyyaaneen uummanni cal’isnaan  akkuma isaanii jira seetee,  “ABO balleessinee jirra. ABOn maseenee hafe. ABOn biittanna’ee badee jira...” jechuudhaan  yeroo miila wolirra naqatanii taa’anitti, FDG bifa haaraan dhohee Oromiyaa mara waliin gahe. Akkuma namni sigaaraa xuuxu kibiriitiifi sigaaraa kiisii isaatti qabatee yoo araadni itti dhufe kibiriitii baafatee, salfariifi oksijiinii qola kibiriitii irratti yoo wal-nyaachisu abidda hin jirre uumuun ibidda qabsiifatee  akka xuuxutti, uummanni ABO kiisii onneesaa keessatti dhokfate gadii baasee fedhiisaa mul’ifate. Iddoo baay’etti , wajjiraalee gara garaa keessattis alaabaan ABO alaabaa OPDO buusuudhaan qilleensa Oromiyaarratti of mirmirsee Oromiyaa nageya gaafate.


Ummanni mataa isaatu WBO ta’u kan dagade Woyyaanee-OPDOn, WBO daangaarratti eegna osoo jedhanii,  WBOn uummataa jiddumaa isaaniitii itti ka’een rifatan. Haala kana  sodaatee kan kirkire Woyyaaneen “harka diinaatti keessa jira. Tokkoon tokkoo isaanii murteef nan dhiheessa…” jedhee karaa midiyaa ifii ittiin forfoqisuun gadi forfoqe. 


Mootummaan Woyyaanee-OPDO, rifuu alabaa ABO qilleensaa Oromiyaarratti argeerraa kan ka’e, uummataafi barattoota dhooksaafi ifaan ifatti ajjeessaa, akkasuma kaan isaanii mana hidhaatti guuraa jira. Reeffii yookiin reenfi ilmaan Oromoo caakkaa/baddaa keessaa guuramaa jira. Ilmaan Oromoo qabanii mana murtii isaanitittu geessuun akka hiree ta’ee jira; ilmaan Oromoo qaban dhoksaan caakkaafi hallayyaatti fudhatin ajjeesanii biraa deemaa jiru. Reeffi nama keenyaas dachii Oromiyaarra guutaa jira. Reeffii/reenfi ilmaan Oromoo mana hidhaa Woyyaaneerraa bahaa jirulle heddummaachaa dhufeera.  


 Mataan isaatuu hidhamaa kan ta’e muummichi ministeera Itoophiyaa Hayilemaariyaam Dassaleyn,  waan jedhi jedhaniin, “barattootaafi namoota Oromoo gaaffii dhiiheessan duuba harki diinaa waan jiruuf tokko tokkoon isaanii murteef dhiheessina” jedhee dhaadate.  Maqaa murtiitiin daldalu malee, hidhaadhaan gidira agarsiifne ajjeefna jechuusaati malee manni murtii walabaa Itoophiyaa keessa eessa jiraa? Mana murtiitti geeffamanis abbaan mutee, poolisiin, abbaan amantaa, boordiin filannoo, fi kkf hundunuu muudamtoota Woyyaaneeti. “abbaan daanyaa ilmi immoo saamaa” akkuma jedhamu; eenyutti eenyuuf murteessaa? Eenyutti eenyutti murteessaa? 


Uummanni Oromoo ficila harkaa qabu kana yoo addaan kute, woyyaaneen nama Oromo’oo kan ija banatee hubannoo qabu hundumaa  duuchi balleessiin manchaasuuf karoorfatee socho’aa jirti. Koroora ishees jalqabdee jirti. Barattoota iddoo isaan barataa jiranitti, yunivarsiitii seenuun kutaa barnootaa, mana nyaataa, kutaa ciisichaa yookiin doormii keessaa guuranii kaan hidhaa, kan akka malee itti aaran immoo akka nama gaaffii irraa qabanuutti  qabanii deemaniinii ajjeessaa jiru.  Yaa Oromoo ajjeesii du’i malee akka horii teettee/teessee hin du’in.  Falmiin yookiin fincilli amma jalqabame kun yoo dhaabate yookiin yoo addaan cite, qeeramsa eegee qabne gadi dhiisne jechuudha. Qeeramsa eegee hin qabanu, qabanu gadi hin dhiisanu. Diina aggatanii dhiisuun ofitti kaasuu waan ta’eef, fincilli kun yoo dhaabate, haada (funnoo, funyoo, wadaroo) ittiin of ajjeesnu lubbutti of kaa’uu jechuudha.


 Namni fayyaa qabu kamiiyyuu kan soodda/soogidda malee nyaata nyaachuu fedhu jira jedhee hin yaadu. Bifuma wal-fakkaatuun jiruun garbummaa keessa,  nama nyaata bushaawaa nyaate jiraatu  fakkaata. Jiruun Oromoo impayeera Itoophiyaa keessatti, nama soodda/soogidda malee nyaata  nyaataa jiratuu fakkaatti.  Barumsalle baranne nutti bushaawe; hojiille qabannee nutti bushaawe,  jiraachulle jalqabnee nutti bushaawe. Bilsisummaan dhuftu malee hundinuu bushaawe bushaawe bushaawe… Jiruu bushooftuu jiraachuurraa  qabsaa’anii jiruu ofii mi’aawaa godhachuun dhimma filannoo hin qabne ta’ee jiraa quba qabaadhaa!


 Uummanni Oromoo kan beekuu qabu, ‘ani balleessaa tokko hin qabu...” jedhee taa’uu hin qabu. Weenniin gogaa ofiitiif duuti akkuma mammaaksi jedhutti, biyya impayeera Itoophiyaa keessatti Oromoo ta’uun yakkaa ta’ee jira; qabeenyi keenyaa diina nutti bitee jira. Oromoon hundinu kana beekuu qaba malee akkasumaan taa’ee du’uu yookiin hidhamuu hin qabu. Kan biraa immoo akka nama waa caararreeffatutti wanti ani lammii kootiin jedhu kan biraa immoo kana:  mootummaan kun akka saree maraattee yuqee nama hundumaa laanbubee nama hundaan wal-dhabee jira.


 Namaan wal-dhabee amantaa hin dhiisne, amantaa keessalle galee laqee diina guddaa horatee jira. Filannoon duraanuu mo’ee hin beeku, harkuma ofiitiin humnaan of moosisa malee.  Barri itti aanu barri 2015 bara filannoo guutuu biyyolessaati. Namni tokko isa filu hin jiru, yoo bitamtootaafi  worra qircaa galee biyya saamaa jiraatu malee. Yoo dubbiin karaa filannoolleen dhufte, uummanni  sagalee ofiirratti dhumee kabachisiifachuuf kutatee qopha’aa jira. Akkuma abbaan sa’aa  sa’a aannan dhoowateen , “Okelee diddu okkotee hin diddu” jedheen jedhanitti, namni jiru hundinu kallattii maraan mootummaa Woyyaane’ee ajeeffatee funyaan qabatee jira waan ta’eef, kallattii maraanuu mirga ofii kabachisiisanii mootummaa kana angoorraa darbuuf qophiin bifa addaatiin godhamuu qaba. Yoo inni akkuma kana humnaan namatti gamee filannoo  sagalee uummataa saame  immoo,  humnaanis of gurmeessuun  barbaachisaa ta’a. Akkuma mammaaksi Oromoo jedhutti, fugguu karaa dhufte dhalchiisan malee, fugguudha jedhanii dhalchiisuu hin dhiisanu. 


Dubbii filannoo Itoophiyaa  kana mee muuxannoo qaburraa isiniif haa qoodu.  Filannoo Itoophiyaa bara 2010 (2002) guutuu biyyaa keessatti filame irratti, filannoo sana akka gabaassuuf Dhaabbanni Raadiyoofi Televiziyoona Oromiyaa  gara godina Gujii  ana ergee ture. Itoophiyaa keessatti yoo uummanni saamama sagaleesaatiif warraqsa kaasee mootummatti fincilee mootummaa kuffise malee, karaa Filannootiin mootummaan kun akka angoo gadi hin dhiisne ani gaafa sana arge.  Akkuma beekamu, Fillannoo bara 2010 (2002), mootummaan Woyyaane’ee guutummaa guututti mo’adhee jira jedhee labsachuusaa biyya hundatti beeka.  Mee haala filanoo sanaa, waan iddoo ergametti ila tiyyaan argee  gurra kiyyaan dhage’e  isinitti hima, obsaan na hordofa.


Filannoo bara 2010 (2002 A.L.I.) haala achi jiru gabaasuuf  gara Godina Guji’iitti kan  ergame ana ture. Buufatoota  aanaalee godina Guji’ii Adoolaa, Shaakkisoo, Annaa Sorraa, Me’ee Bokkoo fi Booree keessa jiran kan haalasaa gabaase ana ture. Gaafa sana kan ija kootiin arge, kaadiroonni OPDO uummata hiriirsisanii, kinniisa (Kanniisa) filadhaa yeroo jedhaa  ibsaafi mallattoo kinniisaa itti argisiisan ija kootiin argee jira. Garuu miidiyaa isaaniirratti  waan dhugaa yoo dubbadhe,   yeroo sanatti waan hin dabarsineef, akkasuma anaaniyyu waan karaa qabuu malaniifi woreegama barbaachisaa hin taane akka hin kafalleef,  guyyaa tokkotti akka dubbachuu malu galmee onnee koorratti galmeefadhe. Keessumatu, aanaa Adoolaa buufata filannoo Abaaloo fi Maleekkaa jedhamuufi buufata filannoo naannoo Me’ee Bokkoo,  Irbaa Muudaa fi Booreetti baay’ee gadde.
 

Buufata Filannnoo Abaalootti, kaadiroonni dhaabatanii laftis lafa baaddiyyaa waan taateef, uummataan, “kanniisa filadhaa malee waan biraa hin filatinaa…” ittiin jedhaa turan. Naannoo Me’ee Bokkootti, dargaggoota hojii dhabeeyyiin “hojii isiniif kennina, filannoo boodaa isin qacarraa waan ta’eef amma waraqaa ittiin filatan isiniif hirra irra deddeebi’aa sagalee kennaa...” ittiin jechuudhaan namni tokko yeroo kudhaa shan sagalee akka kenne afaan isaatiin natti hime;  erga ani hojiirraa ari’amee biyyatti deebi’e innis jaraan wal-dhabee ture. Namni sunis kan natti himuu danda’eef waadaa galaniifii turan hojii waan hin kennineef dogongora guddaa akka hojjate miira gaddaatiin  natti hime.


Naannoo buufata Irbaa Muudatti, galgala lafaa yeroo ani achi gahu, dargaggeessi tokko paartilee mormitootaa irraa taajjaba ta’e kan buufata filannoo keessa oole tokko, yeroo ani dhufee “uummata rakkoon jira moo, filannoon akkam?” yoo ani jedhu, gurbaan paartiilee mormitootaa bakka bu’ee taajjabaa ture sun, “ee rakkoo hama jiraa” naan jedhe. Anis itti siqee yoo rakkoo isaa gaafadhe, “guyyaa guutu namoonni  baay’een kanumti ani beeku irra deddeebi’anee sagalee kennaa oolan. Ani dubbannaan kunoo kaabinoonni aanaa natti gamaa oolan. Si hiina naan jedhaa oolaan…” naan jedhe.  Anis keessi koo madaa’ee jira waan ta’eef,  gurbatti siqee bilbila keeti naaf kenni si hordofa jedheenii bilbila koos kenneef deeme; wal-jajjabeessuuf jaartiin intala woliin jette akkuma  mammaaksi jedhutti. Haa ta’uutii garuu haafuura koo bu’aa hin qabne sanaan,  akka tasaa kaabinoonni aanaa sana rifatanii gurbaa irraa dhaabbatan.


 Akka godina Gujiitti, aanaafi buufata filannoo tokko malee buufata hunda keessatti  kaadiroonni mootuummaa sagalee uummataa saamanii mo’an.  Ganda baay’ee fagoo kan aanaa Booree jilatti argamu tokko, kan maqaan Isaa ganda qonnaan bulaa Murii Muratoo jedhamu  qofa keessatti sagalee uummataa hatuu dadhaban. Boorreessummaadhaan anis magaalaa Booree waan buleef, ganama yeroo odeeffannoo yookiin gabaasni akka Godina Gujiitti kaabineen aanaa Booree haasawanu, “akka godina Gujiitti ganda aanaa keenya keessa jiru tokko qofa keessatti kufne. Iddoo sanatti waan kufneef beekna. Barsiistonniifi hojjatannoo achi jiran warra rakkoo qaban. Kana booda itti agarsiisna! Gatii isaanii ni kafallaaf! Daragoonniifi hojjatoonni mootummaa achi jiranis rakkoo ilaalchaa kan qabaniidha…” jedhaa yeroo odeessan dhaga’ee garaan koo na gubate. Nama dhuga’aatti amanuufi nama sagalee isaanii uummata wajjiin eegateef isaan‘rakkoo ilaalchaa’ qabu warra ittiin jedhaneen fageenyatti ramaduu amaluma isaaniiti. Yeroo sanatti, galmee garaatti barreessu malee waan tokko dubbachuu akka hin dandeenye ni beeka; garuu guyyaan afaan banadhee itti dubbadhu akka dhufu ni beeka ture.


Yeroo ani hojiirraa (Dhaabbata Raadiyoofi Televiziyoona Oromiyaa) irraa ari’amee gara biyyaatti deebi’ettis, namoonni hedduun shira gaafa filannoo sana xaxaa turan natti himan. Kan dhaga’e keessaa kan akka ulfaatti garatti na hafte, “sagalee uummataa guurree lagaafi mana fincaanitti darbanne amma achii nu lolaa jirti. Cubbuun sagalee uummataa nuun qabattee amma gaabbinee jirraa…” naan jedhan.  Adoolatti immoo gurbaan sagalee uummataa mana finchaanitti naqe tokko, yeroon booda,  kaabineen aanaa qorannoon rakkisanii ‘rakkoo ilaalchaa’ qabda jedhaneeniin,  innis gaabbee akkana jedheen, “isinii miti, sagalee uummataa ani bara 2002 mana fincaanitti darbadhetu achi na abaaraa jira…” ittiin jedheen  jechuu maddeen mirkanaa irraa dhaga’ee jira. 


Yeroo filannoof gara godina Gujii deemee jiru sanatti, jecha kaabineen aanaa Booree jette tokko yomiiyyuu hin dagadhu. Ganama lafaa hojii hojjachaa turan yeroo walitti himan,  akka guutumaa gututti mo’atan yoo  dudubbatan, isaan keessa tokko,  “ hojii hojjannee jirra. Hojii  hojjachuun akkana. Doktoroota warren ofiin jedhanis kuffisnee jirra. Dr. Mararaan faa maqaa harreen baachuu hin dandeenye baatanii kufaniiru. Doktoroota kuffisuun keenya waan guddaadha...” jedhaa haasawu.


Jarreen akkanatti haasawaa turan sun  eenyummaa koo hin beekan.  Gaazexeessaan mootummaa sila waan mootummaan gabroonfataan hojjatu dhadhaa itti buusee mi’eessaa malee, waan garaa dhiiraa jiraa isaan hin beekanu ture. Maqaa gaazexeessummaa misoomaatiin mootummaan Itoophiyaa miidhaa  guddaa  uummatarraan gahaa jira. Waajjirri kominikeeshiinis kan duraan, ‘waajjirra qunnamtii uummataa’kan jedhu, amma ‘wajjira komikeeshiinii mootummaa’ kan jedhaniin kanumaaf natti fakkaata. Impaayeera Itoophiyaa keessatti gaazexeessaa ta’anii, afaan mootummaa dubbachuurraan ka hafe,  afaan uummataa dubbachuun dhoowwaadha. 


Mee waanuma baasa filannoo  keessa osoo hin bane, kan biraa immoo kan dhaga’ee garaa koo na gube osoo hin dubbatin bira hin darbu. Naannoo dhaloota Juuneddiin Saaddoo Itayyatti Juuneddiin ni mo’ame. Abbaan Duulas akkasuma achitti mo’ame. Yeroo sanatti Mallas Zeenaawiin Juuneddiin Saaddoo Biiroo isaatti waamuun, “akkamiin filannoo sana  hachisiisu dadhabdanii? Akkamiin sagalee uummataa saamsisuu dadhabdanii?” jechuun  kaballaan akaawe. Sanaan booda, woyyaneen, “filannoon naannoo sanatti waliin dhahameera” jechuun manuma murtii isaanitti ajaja dabarsanii filannoo irra deebisanii Juuneddiiniifi Abbaa Duulas akka darbu taasifatan. Oromiyaa iddoo gara garaatitti, sagalee uummata kabajsiisuuf taajjabdoonnifi sabboontonni dubbatan hedduun isaanii,  kan irbaata rasaasa wayyaanne’ee ta’anis hedduudha.  Kan maallaqa guddaa argatanii sagalee uummataa gurguratanis hedduu turan. 


Kan biraa ammas paartilee siyaasaaa Wayyaaneen maallaqa guddaa ramaddeefii akka paartilee mormituutti hundeessitee jirtu hedduudha. Gaafa ganni galee waaqni roobu waan heddutti lafaa lata (biqila). Wanta waan sana fakkaata, gaafa dubbiin filannoo biyyoleessaa dhuftu, paartileen siyaasaa eessa akka turaniifi maal hojjachaa akka turan kanneen hin beekamne, “nuuti paartilee siyaasaa kan mormitootaati…” jechuun as yaa’u. Isaan keessa paartiin Tasfaayee Tolasaatiin hogganamu isa tokko. Mootummaan woyyaane’ee karaa heeraatiin deemuurra labsii gara garaa baasee akka isaaf toltutti biyya bituuf socho’a. Filannoo irrattis, akka salphaatti filannoo hatuuf labsii filannoorrattis yoo baasu, paartileen mormitoota dhuga’aa yoo didan, paartileen mormitoota sobaa kan wayyaaneen hundeessite immoo ni mallatteesitiif. Woyyaaneen kana waan godhuuf “kophaa koo miti paartileen mormitoota hanga kanas kunoo dhimma kanarratti wolii gallee jirraa…” jedhee faranjoota ittiin sobuuf. Paartileen kunneen haala filannoo hunda woyyaaneef erga mijeessaniif booda, yeroo filannoon dhihaatu fedhii isaaniitiin filannoo keessa of baasuun woyyaanee gara filannootti ‘ajjabanii’ fidanii biraa deebi’u. Dhugaafi haqni filannoo Itoophiyaa kana ta’ee osoo jiruu, dargaggoonniifi namoonni  karaa filannootiin  angoo qabachuun ni danda’ama jedhanii abdii godhatan filannoo biraalle cinatti qabachuun barbaachisaa akka ta’e osoo hubatanii gaariidha.


Gadaan gadaa qabsooti. Qabsa’an malee injifannoon hin jirtu.

Gadaan gadaa injifannooti, Injifatan malee bilisummaan hin jirtu,

Gadaan gadaa Tokkummaati, tokkummaa malee bilisummaan hin jirtu

Gadaan gadaa nagaati, Bilisummaa malee nagaan hin jiru.

Gadaan gadaa quufaati, bilisummaan malee quufni hin jiru.

Gadaan gadaa qananiiti,Bilisummaa malee qaniin hin jiru.

Gadaan gadaa Oromiyaati, Bilisummaa malee Oromiyaan hin jirtu.

Gadaan gadaa bilisummaati, Wareegama malee bilisummaan hin jirtu

Oromiyaa too siif wareegamaa jirra, Harras, borus, yomille siif woregamna.

Bilisummaa siif hawwina, Hawwiirra darbinee immoo gochaan agarsiifna!

Wednesday, May 21, 2014

Dubartii xuriin irraa sokkite horteef kan fuudhu hin jiru: albuudi Gujiirraa saamamulleen dhumachuuf!


Saakarroo

Namiifi latti Guji’ii taadhi’i. Gujiin akka hardha duri hin jirreen itti galtee adoo  bookaye hin badiniin dura, sugaafi ititii qaba. Gujiin durii dulloo, qorii dabaatti hin nyaatu; qortii dabaalle tee’ee hin qoru. Hardha garuu dhugaan kaleessaa qaaritee jiduuf fundultee jirti. Qorii dabaatti nyaachuufi qortii dabaalle qoruun heddummaatteerti. Duri hin jirreen yaatee galtee otootoo nu dhooggite. Ka nyaatelle nyamii dhabe. Maagaafi minniin lafa guuttee dhiiga nu xuuxxee nu huqqiche.

Waaqi dur namaafi lafa Guji’iille balchaa godhee dade. Namaafi lafa Guji’ii tanalle amma balchomi irraa godaane. Haati coniisaan jabbii hin guddinyelle,  haadha loon Guji’ii taate. Jabileen Guji’ii  ta dur gabbattee burraaxxu,  hardha huqqattee roqonsiti. Weenniin gogaa isi’iitiif duuti akkuma jedhamu, Gujii qabeenna isaatiif bacancaressu’uun yuuyyessaa jiran. Adoo qabeenni lafa Guji’ii seeran dhalattoota biyyaatiif oole, Gujii dhiisaatii, Oromoonni obboleyyaan teennaa ta Oromiyaa keessa jiraatanu duuchinuu, silaa jiruu akka biyyoota Ameerika’aa fa’a jiraanna. Waan akka malee na baasonfachiisee na laallessu keessaa, isii qabeenya Guji’ii Allaamuddiin ( Mohaammed Huseen Ali Almuddi) qofaan dhangi’ane moo? Abbaan iyyatu ollaan namaaf birmataa, mee ijoollee Guji’ii dura isin kanarratti maan jettan? Nama lafaa dhufu watti nafaa dhufaa; nami keenna hedduun amma lafaa dhufaa jiraa, mee nama lafaa dhufaa jirtu ani yaadaan rakkadhee natti himi mee fala?
Weeshoo, Laga Dambii (Shaakisoo)

Ka dhaggeefi dhage’ee  na maraache keessaa tokko, Godina Gujii aanaa Shaakkiso’oo gaara Weshoo jalatti kan argamu Laga Dambii qofa keessaa,  Allaamuddiin woggaatti  worqii toonii 4.5 qotee guurachaa jira jedha   toorri interneeti isaa tokko (http://www.midrocelectro.se/en/wwwmidroccom/Projects/Project-Archive/Lega-Dembi-Gold-Mine.aspx). Kun bada dhiiroo ka isaan ifatti  himatane;  ka  dhossa’aan saamanu ammoo isinuu yoona dachoon beeka me!  Tooniin 4.5 kun, gara kuntaalatti yoo deebisanu, kuntaala kiiloo dhibbaa kan xaasaa 140-150 baatuu 45 argata jechu’uu woggaa tokkootti. Ee bada jarana! Beeki kuntaluma tokkooyyuu adoo Gujiifi kennane  misooma lafa Gujii kana keessaa,  ilaafi gurratti uffisa.  Worqii inni achii saama jiru  kana higa dargiin jigee  nami lafa san fudhate Allaamuddiin; waan nama dhibaa,  kanuma isinuu beettanu, dubbii akka saamicha ta’e akka inni itti agarsiisu, “adoo nami  natti dammaqee harkatti na hin qanne saamadha…” jedhanee akka saamaa jiranu wonni namatti agarsiisa, higa worshaan lafa sanitti dhaabame omishi  worqii  bara hundumaa guyyaa dhi’ee bari;u kana halkaniifi guyyaan saatii 24 guutuu hojjatama. Allamuddiin, worqii qofa adoo hin ite’in gosa albudaa gara 12 akka dhossaan saamaa jiruufi  Allaamuddiin duubaan shuumoleen mootummaa Woyyaane’ee hororreessa   galanee  gaaddidduu sheekichaa jalatti gollatanee akka saamaa jiranu, worri dhaggaafi dhaggeetti qabanu dubbachaa jiran.



boollaa keessa akka itti qotanu

Mi’eeffataan hin liqeeffata; ol siqi jennaan Borojji daduu yaadde akkuma jedhamu, tan Wesho Laga Dambii ka mi’eeffate Allaamuddiin, lafa Gujii ta worqii qaddu kan akka Saakarroofi Daawwaa Okkotee fudhachuuf itti aggaamee, Sakkarroo fudhatulle, Ta Daawwaa OKkotee garuu  Mallas duunaan diqqoo dubbiin sun achitti rixxee jirti. Bada jarana, beeka albuunni waan dhumaatii bara! Wol-hin horuu beekaa! Boru seenaan nu gaafataa beekaa! Adoo nuuti teennuu ormi dhufee adoo nuun hin gahin saamee lafa onsee deemuu dhiisaati,  adoo nuutinuu dhaloota dhufu dhoogganne findhe, komii seena’aa jalaa hin baanuu beekaa!  Albuunni lafa keessaa dhumee jennaan dubartii  xuriin irraa sokkitee, ilmaafi intalli hin dhalatuu beekaa! Taadhomi cite beekaa! Albuunni takka biyyee keessaa dhumee jennaan,  biyyi sun gatii hin qadduu beekaa!

 Biyyi albuuda guddaa qabanulle ka itti gargaaramu,  qeenca addee buusaati;  wayiin yookiin waan biyyi itti dandammattuun bakka buusan. Akka san albuunni biyyee Guji’ii  keessaa saamamaa jiru qeenci  misoomaafi guddannaa bakka bu’aa hin jiru.  Akka qabeenna isaatti, daandiin Gujii keessa deemu guguddaan Dillarraa gara Uraagaafi Shaakkisoo, Shaakkisoorraa Daawwaafi Bulee Horaa, Adoolaarraa Cambeefi Haramfama, Haramfamaafi Nageelle, Shaakkisoofi Darmee Daamaa, Daawwaafi Areeroo, Bansaa Daayyeefi Girja, Booreefi Daama, Booreefi Boltuu Girrisaa, Me’ee Bokkoorraa Harsu Haanquufi Uraagaa, Me’ee Bokkoofi Malkaa Diimtuu, Abaabaa Onkooraafi Roobalee, Harqadhorraa gara Sabbaa Boruuttiifi kkf  aspaaltii ta’uu qaba ture. Galaanonni gugurdaan akan akka Gannaalee, Daawwaa, Hawaxaa,  Booddaa, Abaabaa, Iyyaafi kkf ka  ganna dhufu cufa nama keenna nyaatanurratti riqichi yookiin buusaan sibiilaa cimaan ijaarramuu qaba ture. Makinni Otoobisi’ii gugurdaan kan gatii rakasaa aja’aan nama keenna addee adde’ee fe’u,  bitamee magaalota Gujii keessatti hedduuf kennamuun male.  Mana Jireennaa akka kondominiyeemii  quttuma qachaa yookiin katamaa (magaalotaa) Gujii cufa keessatti ijaaranee ilmaan Gujii baadiyaarraa dhufanii kiraa manaatiin quttuma  qachaa  (magaalaa) keessatti rakkataniif tolaan itti qubachiisu male adoo Gujii akka qabeenna isaa qananiisane. Dhabbilee barnootaatiifi kilabii ispoortii adda addaa lafa Guji’ii  keessatti  dhaabuun silaa waan malu ture. Warshaan gugurdaan kan namoota heddu’uuf hiree huji’ii  uumuu silaa banamuun male.

Warshaa jennaan waa yaadadhe, jarri lafa Gujii keessaa albuuda saamuu malee, silaa worshuma Lafa Gujii keessatti dhaabamee nama meeqatti hujii dhaggataa? Wonni dhaggaa jirru, albuuda lafa Guji’ii silaa kana worshaan lafa Gui’iirratti banamee jiraattota biyyaatiif hujii uumuu dande’u,  warshaa biyya biraatti dhaabuun albuuda qotanii fe’anii deemaniin. Carraa huji’iille jiraattoota biyya biraatiif uumaniif. Qabatamaan Biyyee seraamiki’ii  ha Boomba’aa (Me’ee Bokkoo) qotanee gara Hawaasa’aatti geessan.  Horiifi nanni keenna bu’aan inni dhaggate,  boolla isaan qotanu san keessaa bu’uufi  hadhaa (suummii ) isaan lafaafi laga keennatti naqanuun dhumuu ta’e. horiifi nama qofaa moti, munni, marrii, bisaaniifi qilleensi naannoo Guji’iille du’aa jira.

Dhihoo tana iyyine woreega lubbu’uulle itti baanye aspaaltii Hawaasaarraa gara Nageellee dhagganne. Bagas dansaa jenne. Yunivarsiitii, Kolleejiifi Hospitaala; akkasuma birri miliyoona 15 isiniif kennine jedhane;  yoona geetteeree? Birriin miliyoonni  15 sunuu eessa seente? Maan hojjatte? Nami maaf  gafuu waaqaafi lafaalle hin sodaannee? Qabeenna keenna ifiif  akka haro’oo  qeeffatanee eelfataa, nu’uuf  akka copha fixeensaa nuuf ameessanii? Mee  yoo diqqaate maaf kurre’eefi kokkobbe’eenuu nuuf hin kennin? Nama rafe yoo wa dhooggatu barbaadanu, “nama rafe garaan gula fafe” jedhaniin. Ilmaan Guji’ii hin jirruu hin rafina! Worri amma  nu saamaa jiru kun,  gaafaa lafa teenna xuriin taadhii  irraa sokkite, nu gargaranu dhiisaatii, gara keennalle asi fuula galanee waan midhatanulle hin seyu.

Mootummonnii jeebana durii dulloorraa kaasanelle lafa sanirraa nyaatuu malee,  lafa sanitti keellaa dhabaane nama keenna maashinii  itti xiichaa worqi  liqensitee jirta jedhaneenii  qabanee hidhane; qorsa obaasanee worqii garaa baasii nuuf kenni jedhaanii  udaan borchisiisaa turane.  Gujiin  mi’aafi waan worqii akka hin baranneef,  hojjattoota biraa fidanee woraaree hojjachiisaa turane. Mootiin Hailessillaaseelle yookiin Jaanoyille, worqii naannoo Adoolaatii guurateen  ulfinna guddaa dhaggatee  lafuma Adoolaa ‘kibramangist’ yoo hiikamu ‘ulfinna mootumma’aa’ jechuun Adoolalle maqaa nurraa jijjiire. Higa maqaa lafaa nurraa jijjiiru,  adoo lafa san misoomaan jijjiiree hoo? Lafi tun badhaatu’u waan isiin male asitti wonni tokko haa hojjatamuu yoom jedhee?  Isa komachuun halaalatti foon fe’atanii halaala komachuu na fakkeessaa haa dhiisuuti. Gaafas nami  keenna hedduun waan hin baratiniifi  hubantii guddaa waan hin qanneef nutti taphatane, hadha kunoo barannee Gujii maan eenna? Akka masaanuun masaanu’uun,  boolla qayyaa teeti udaan itti hannaa, tiyya ammoo qayya itti qayyanna jetteen jedhan san, yoo damma afaan dibatanee taadhummaa lafa teennaa kittibaatii maseenummaa woraananu cadhinnee haa ilaalluutii?

 Mootummaan dhufee taru  gumaa,  qabeenna Guji’ii ka saamu malee, ka waan tokkolle Guji’iif godhe hin dhaggine ani. Aspaltiifi hospitaala amma jedhamu kanalle,   falmii dhiigaatiin dhagganne. Takka takka uu arrii jedhanee iyyuulle nama baasa. Silaa haadhuma nama deette caalaalle nanni namaaf hin beeku, garuu yennaa tokkoofi tokko daa’inni iyyee haadha giddisiisee harma dhaggata. Higuma daa’inni dhugaa isaa harmaaf boyee waacifulle,  qabeenna keennaaf waacifuu maanti nu dhooggaa? Korma mooti’ii teenee biyya teennarratti barooduu maanti nu dhooggee nu madhaciisaa? Korma dhuga’aan boorratu biyyeen ila hin buutu jettee motiire mammaassi  keenna!

Ilaafi arrabarraa na hamburaa; Daani’eel G.Areerii. 
 
kaartaa naannoo saamamaa jiruu


worqii dhagaa keessatti argantu


albuda gosa adda addaa






dhalataan biyyaa akka itti jaannu


dhalattoonni akka itti dararamanu...


naannoo qanxichaa


maashineerii ittiin saamanu


worqiifi dhagaa quwaartzii wolitti uumame


worqiifi dhagaa quwaartzii wolitti uumame





Wesho, laga Dambii


Sheeki, Mohammad, Huseen Ali Muddi


dhalataan biyyaa  shoofaa worshaa yoo curruuqu








Thursday, May 8, 2014

Gaafffiiwwaan anaa Oromoo maraachan!

Dhiiroo ani maraadhee jira; maaltu na maraache Oromummaadha. Worrii biyya keessaa paartileen mormiitu  woggaa 20 ol karaa nageyaatiin nuuf qabsa’an. Garuu jijjiramni tokko hin jiru. Wayyaaneen uummata Oromoo ajjeesee, hidhe, biyyaa ari’ee waan Oromoo jedhamu kana fixuu dadhabe.

Heera mootummas labsiidhaan jijjiiranii  fixan. Mootummaan woyyaanee akka isaa toltutti labsii baasee paarlaamaa Itoophiyaatiif yoo dhissu, miseensonni paarlaamaa Itoophiyaa harkaafi miila baasuudhaan labsii san mirkaneessan. Labsiin immoo kan uummata Oromoo balleessuudha; Wayyaaneen diinni guddaan koo  Oromoodha jettee yaaddi.

Barannelle sanuma, dhiifnes sanuma ta’e! Oromoo ta’uun qofti yakkaafi shakkii ta’e! garbummaan duraanii osoo nuuf gamee jiru,  Wayyaanneen garbummaa dinaagdee keessa nu galchite. Dureessi hiyyoomee; hiyyeessi duroome. Hayyuun doofomee; doofaan hayyuume. Angafni maandhomee/quxusoome,  maandhaan/quxusuun angafoome.  Akka ilmaan maasanuu qe’ee abba keenyarratti hacuucca dadhabne. WBO fi ABO lafarraa balleessine jechaa nutti dhaadachuu jalqaban. WBO’nu Ummataa, uummanninu WBO ta’uusaanii wallaalan.

Aniin Oromummaan marachite, maraataan fayyaalessi lammii koo gaaffii armaan gadii gaafadhee jira:

1.      Warraaksa amma Oromoon jalqabe kana  yoo addaan kute, “qeerransa eegee hin qabanu, qabanu gadi hin dhiisanu” akkuma jedhamu, qeeramsi  Wayyaane aare kun nuun hin fixuu? Qeerransa yoo  eegee qaban ni ajjeesu moo gadi dhiisuu? Qabsoo jalqabne kana yoo addaan kutne, akka yeroo dhumaatiif  awwaalchi keenyas osoo hin mul’atin boolla lafa jalaatti akka awwaalamuuf deemnu beektuu?
2.      Biyya baratee beekaan doofaa ta’etti, biyya doofaan beekaa ta’etti, hireen biyya kanaa maalii? Bu’aan barumsaa biyya kanaa hoo maalii?
3.      Daa’imaa ta’ee yoo Oromoonni biyya alaa, keessumattu biyyoota gurguddaa akka Ameerikaafi dhabbata migoota dhala namaatiif dhaabbanne jedhan kan akka ‘Amnesty International’tti iyyaannoo dhiheesaniifi Oromoonni achitti bahanii iyyan, waanuma ganama san mootumoonniifi dhaabbanni kunnneen fala nuuf kennan seya ture. garuu amma guddadhee qeerrome. Hamtuumfi toltuu, shiraafi dhugaa adda baasuu eegale. Mee asirratti gaaffii xiqqoo lammii koo biyya alaa jiran gaafadha: Mirga keenya Ameerikaan, Ingiliziifi ‘Amnesty International’ nuuf kabbachisiisuu? Ameerikaan faayidaa ofii dursiti moo faayidaa ishee dursitii? Ameerikaan nama humna qabu faana hiriiruu barbaaddi moo nama nama jalatti bulu faana hiriiruu barbaaddi? Osoo murannee, osoo kutannee akka hojjaa yookiin dhaabbii keenyatti hiriirree Itoophiyaa keessatti karaa kamiiniiyyuu eenyutti dura aanaa?????
4.      Gaafaa hojjataa mootummaa tureefi  gaafa biyya ture nama Oromoo of beekuufi eenyummaan itti dhaga’amu hunda akka waan  bullaa/daakuu gingilchaadhaan gingilchanii/meemmessanee huuraafi daakuu/bullaa adda baasanuutti, nama Oromummaan itti dhaga’amu, hidhuun mana hidhaatti, ajjeesuun boolla awwaalchaatti, awwaaluufi ari’uun biyyaa baasuun ture; akka waan ani huura ta’ee biyyatti hafee natti fakkaatee anis biyyaa bahe. Amma ammoo qeerroon biyyaa,  Wayyaanee yoo naasisu osoo biyya keessa jiraadhee jedhee gaabbe. Mee namoonni biyya alaa jirru Imbaasotaafi waajiroota faranjii duratti yaanee iyyuu kana wayya moo,  karaa qabsoo Oromoo kallattii kamiinuu jabeessuu hanga hidhanoootti itti duuluttu wayya jettu? Wayyaaneen Wallagga (Maccaa), Arsii-Baalee, Ituufi Afran Qal’oo (Harargee), Shawaa (Tuulama), Gujii, Boorana, Karrayyuu, fi kkf jechuu hin beektu. Oromoon kamiinuu diinaa Wayyaaneeti; kanuufu nuuti Oromoon kamiinuu,  woliin gaafam diina keenna Wayyaanee  yeroo dhumaatiif wal-qabannee irratti qabsoofaa? Dachii addunyaa keessa faffaca’uun kun fala ta’aa? Hanga biyya alaatti baqannee ardii hundarratti faffacaane, osoo bosonaafi gammoojjii Oromiyaa keessatti hidhannoodhaan faffacaanee qabsoofnee  yoona hin bilisoomnee? Oromoonni biyyota adda addaa keessatti faffacaane, lamummaa biyyoota gara garaa fudhannee  lammii biyya biraa ta’uu moo qabsoo Oromoo kallatti kaminuu faana hirriirraa?
5.      Mootummaa Wayyaanee qawween kuffisu moo, filannooo sagalee/qubaan kuffisuu?
6.      Mootummaan Wayyaanee mootummaa Dimokiraatawa ta’ee mo’atamee aangoo karaa nagaatiin gadi nuuf dhiisa jettanii yaadduu? Keessattu paartiileen mormitootaa karaa nagaan qabsoofna jedhaniif.
7.      Osoo qabsoon Karaa nagaa taasifamu kunuu dhugoomee, mootummaan Wayyaanee mo’ame, Tigiray nuun jalatti bulti moo yoona mirgi hiree ofiin murteefachuu hanga fottoquutti nuuf kabajamuu jedhanii  heera mootummaa keeyyatta 39 hojiirraa oolchu moo Oromiyaa jalatti bulu jettanii yaadduu?
8.      Osoo rifirendeemiin adeemsifamee magaalaa Finfinnee irratti  Tigiretti mo’a moo Amaraatti mo’a jettanii yaadduu? Kan Oromoo haa dhiisnuuti…
9.      Magaalota Oromiyaa keessaa jiran kan Oromooti moo kan saba biraati jettuu? Sabni biyya isaa keessatti magaalaa harkaa hin qabne, nama maagaafi minniin garaa qabdeen garaa garummaan isaa maal? Namni maagaafi minniin garaa jirtu yoo falan yookiin yoo nyaachisanille ni gabbataa/ni furdataa? Reeshoo uummata kan magaalota gurgurdoo Itoophiyaa kan akka Finfinnnee, Dirree Daawwaa, Maqalee, Adaamaa, Jimma, Hawaasaa, Naqqamte, Mooyyalle, Adoola, Shaakkisoo fi kkf keessa jiran mee Amaaraa, Tigiree, Oromoo jedhaati qoodaa. Oromoon  naannoo Amaraafi naannoo Tigiraayii jiruufi, Amaaraafi Tigireen naannoo Oromiyaa jiran hoo mee lafa kaa’a. Ani barataa saayinsii hawaasaati, mee baratoonni barnoota saayiinsii uumaama barattan na gargaara reeshoo magaalota gurgurdoo Itoophiyaa keessaa Amaara, Tigiree fi Oromoo adda naaf baasa.
10.  Mammaaksi Wayyaneen uumte tokko kan ‘baay’inni Oromootiifi baajenni Somaalee bu’aa hin qabu’ jedhu tokko isin hin aarsinee? Seenaa kana jijjiiruufi meeqa keenyatti hojjachaa jirra laata?
11.  Nama humnaan namatti gamu, seeraan ofirraarraa deebisan moo humnaan ofiraa deebisanii? Nama seeraafi heera hin beekne tokko seeraafi heera itti himuun bu’aa qabaa? Seerri/heerri biyya itoophiyaa keessatti hojjachaa jiraa?
12.  Oromoon kamiiyyuu irbaata bilisummaa Finfinnee irratti nyaachuuf dhagaa darbachuu irraa kaasee hanga taankiinfi jeettiin lolutti maal gochuu qabanii?  Yookiin yaadaa furmaataa eenyutti natti himee mar’immaan koo kan gubate kana naaf qabbaneessaa? Gaaffiin koos dhuma hin qabuu mee dura gaaffiiwwaan kunneenuu naaf haa deebi’anuuti lammii kootirraa.