Eessa jirta yaa dhadhaa?
Eessa jirta yaa dhadhaa?
Dubartiin baranaa
Aannan gurgurattii
Saantima mi’eeffatte
Jabbii isiillee contii[1]
Dhirsa ifiitii hinnaatuu
Qoonqoo faa gossittii
Da’ima ifii dhaltelle
Agabuu oolchitii.
Waan daa’ima guddisaa
Dhadhaa faa dhoorkitii
Yaa dhadhaa eessuma jirtaa?
Hubata si argaa
Karooraan argamtaa
Horii qabaatan malee
Kan qaban kunuunsan malee
Elmanii kuusan malee
Kuusanii raasan malee
Dhadhaanuu ebelee[3]
♣♣♣♣♣
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home