Tuesday, April 1, 2014

Du’a Weennii



Du’a Weennii

Mana namaatti hingaltu
Handhuraa[1] tetti galtaa
Ati lafatti hinbaatuu
Muka keetirra utaaltaa
Midhaan namaa hinnyaattuu
Baaluma mukaa faa nyaattaa
Harka namaa hineegattuu
Bahaadhumaan jiraattaa.

Ergaan yoo jiraatte
Yoosuu firaaf himtaa
Mukarra utaaltee
Dhaamsa woliif dabarsitaa
Waan namaa hintuqxuu
Ati cubbuu jibbitaa
Qaamni kee bareedaa
Worra gullee[2] boojitaa
Cubbuu waayii maalii qabdaa
Goguma keetiif duutaa?
♣♣♣♣♣


[1] .Handhuura=kennaa dhuunfaa
[2] Gullee=kofiyyaa, ‘cape’

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home