Imimmaan Haadhaa
Imimmaan Haadhaa
Saafoya[1]
lafaa, osoo deemnuu karaa
Awaara keessatti, nama kufee jira
Eennu! Eennu! Jennee waamne, nutille jajjaraa
Adaa ayyumattuu, asi kufee jira!!!
A-a
Aayyoo maal gootanii?
Jechuun akkamiin kufatanii?
Garam deemaa jirtanii?
Aayyoleen jenneenii,
Kan na kuffise, wal-jibba keessan
Wol-jibbitanii,
gargar facaatanii
Akka ilmoo buutii, wolirraa dheettanii[2]
Isinuma dahee, nama kudha lamaan
Ilmaan qabdi jedhuu, amma namni anaanii?
Gargar yaatanii, orma fira gootanii
Gadaamessa dhalaa akkanaan na rarraaftanii
Garaa keessaa baatan, na dhukkubsitanii
Halkanii fi guyyaan, ana boochiftanii
Wol hin gaafattanuu, fagoo qubbatanii
An garuu hin obsuu, akkanaan na joorsitanii
Galata haadhaalle, kunoo wollaaltanii
Wolirraa baatanii, ana boochittanii
Ideemsa karaatiin ana ijjeeftaanii?
Jedhan aayyooleen imimmaan coccobsanii
♣♣♣♣♣
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home