Ilkaan Baqe
Ilkaan Baqe
Addeenna ilkaanii
kolfa, dhugaa seyee
Kolfee jala ce’ee
waan ilkaan
addeessaa
Baasii guddaa baasee
mana isiitti buusee.
Gurracha
irga ishii
bareedina seyee
irga isiirratti mudhe[3]
Bofa heewwanii kaanitti
isi’iin michoomee
Hadhaa itti biifee
irga
gurraachessee!
Gurraachumma irgaa
bareedina seyee
Si jaaladha jedheen
cabbiifi kobiraan.
Addeenni ilkaanii
adaa cabbii
roobaati
Gurraachummaan irgaa
hadhaa bofa
kobiraati.
Adoo cabbiin baqee
lolaan na hin
fudhatin
Adoo bofni aaree
hadhaa hin
faacaasin
Aninuu beekadhee
baqadhe duraanii
♣♣♣♣♣
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home