Tuesday, April 1, 2014

Ji’a Guyyaa Fakkaatu



Ji’a Guyyaa Fakkaatu

Ji’a goobana bahe kan guyyaa fakkaate
Karoora hujii qabaa yoo boruun bari’ee
Aninuu boru hin eegnee karoora jijjiiree
Goobanni goobanee ifaan na badhaasee
Maal na badhaase adaa na gowwoomsee!

Midhaan narraa gogee yaadaan ana hodhee
Fichatti[1] ka’ee fiigee haamtuu koo fudhaadhee
Adoo laddee[2] hin haaminuu quba ifirraa ciree
Karoora isa boruu ji’atti dabarsee
Midhaan gogee gahe duuba aansisiisee
Dogongora kiyyaan horii nyaachisiisee.

Adoo hujii hin hujin turtiin naaf ji’umaa
Wadhakkaan badullee wodhakkaan callumaa[3]
Gaabbii maan godhanii garaan na raafamaa
Abbayyoon na gorse turee kan dide anumaa
Osoo ji’atuu adaa lafti halkanumaa.
♣♣♣♣♣


[1] Fichaa=maasii,oyruu jechuudha
[2] Laddee=nadoo midhaanii(qabaa harkaa midhaan akka xaafii garbuu fi qamadii faa) yeroo maamanu
[3] Calla=callaa midhaanii ykn miidhaan qulqullaa’e

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home