Tuesday, April 1, 2014

Komii Da’imaa!



Komii Da’imaa!

Abbayyoon duulaaf bahee
 manatti hin deebinee
Aayyoon eegde eegdee
 turiisa dadhabdee
Guneessa[1] ambaadhaa[2]
 manatti galfattee
Abbaan kiyya baanaan
 analle irraanfatee
Ijoollee guneessaatiif
 kunuunsa kennitee
Ana achi qabde,
 erga guneessicha woliin,
Wolii galtee.

Qabeenni kan abbaatii
 kan ittiin jiraatan
Aayyoon itti heerumtee
 guneessi itti galee
Ijoollee dhallaan
 ana achi qabanii
Nama silaa angafaa
 maandhaa[3] taasisanii
Gaafa abbaan gale
 naaf deebi’itti angafummaan?

Abbaa si komadhuu;
lakkii sikomadhuu
Aayyoo si komadhaa;
 lakkii si komadhuu
Hayyuu sitti himadhuu,
 eeyyee haa himadhuu
Dubbiin tun na dhibdeertii
            Seeraan naan qoradhu!    
♣♣♣♣♣


[1] .Guneessa=dhiira fuudha malee hafe, dubartiif ammoo haftuu (bultuu) jennaan jechuudha.
[2] .Ambaa= orma, alagaa
[3] . Maandhaa=quxusuu, kan boodarra (duubarra) dhalate jechuudha

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home