Tuesday, April 1, 2014

Lansa



Lansa 

Hiriyaa lansa[1] dhugaa kiyya
Garuu maal godhaanii motii, garuu
Amanee furtuu si kennee
Mana kiyya na duuba seentee
Findiddee[2] bultii na diigdee
Ta biraa womaa na hin goonee
Teeti dubbiin na dhibdee!

Obbolee maanumaa taatee
Waan jennee fi jette wallaaltee, deebitee
Waan tufan silaa ilalaanuu
Tan corqoo namaa hin nyaatanu
Rooba keessa mana hin diiganu
Ani abboo tanaaf si hin eeguu
Hujii keef waaqni haa beekuu!


Yoo dhossaan yakkaa hojjatuu
Qorattulle hin jiru seetee, kan of deete[3]
Kan yakkaa narra hojjatee
Si ta’uu keeti yoom beekee
Qorataalle simattuu yaamee
Miidhamulle qaaniin na qabdee
Qabamuu keetiif boodhee![4]

Ati ammoo guyyaa darbuuf
Waan hin darbine maaliif hojjatte, obbolee[5]
Belonnee woliin dheebonne
Fagaannee woliin barannee
Tiruu tokko woluu hin godhannee?
Hundumaaf si’uu ‘shakkinee
Amanee dhisuu dandeenne, kee argee dhaga’ee
♣♣♣♣♣


[1] Lansa= hiriyaa, waaila
[2]  Findiguu=diiguu=finqolchuu
[3] Dedhuu =irranfachuu=dagachuu
[4] Boodhe =bira qaana’uu, itti dhiisuu
[5] Obbolee= obboo= obboleessoo jechuudha.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home