Tuesday, April 1, 2014

Dhibee maaf ta’ee?



Dhibee maaf[1] ta’ee?

Waan namaa hintuqnee
Akkasuma hin nyaannee
Danda’ee jiraadhee
Ajaa fi xiraa baadhee
Hamtuu namaaf hinyaadnee
Humdumaa ofitti qabuun
Kennaa waaqni naaf kennee.

Garuu, garagalchaa
Miilli mataa hooqee...
Kennaan hammeenna kennee
Rakkataan an wolitti qabe
Rakkina wolitti naaf qabee
Galanni guddisaa
Galgala kana ta’ee?
♣♣♣♣♣


[1] Maaf = maaliif jechuudha.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home