Tuesday, April 1, 2014

Dadaltuu



Dadaltuu

Dur loon faa daldaluu
Bunaa fi soodda dabaluu
Amma dubbiin jijjiiramee
Namni horii ta’ee
Maallaqa guddaa baasee
Obbolaan wol-basaasee
Gabatti wal-baasee
Dallaalaa itti yaasee
Hujii namaaf baasee
Bu’aa guddaa buusee.

Namni hin beekne malee
Jiruun daldalli namaa
Lubbuu namaa guusee[1]
Daldalli namaa kun
Boruun dubbii kaasee
Kan daldalee nama nyaatee
Boruun qoricha obaasee
Daldalaa sifaa dhooggee
Diddissee albaase.
♣♣♣♣♣


[1]  Guusuu= dhaabuu, ittisuu(ijoollee harma guusan)

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home