Tuesday, April 1, 2014

Aaddurreefi Saree



Aaddurreefi Saree

Sareen ala galtii
Aaddurreen mana galtii
Tuun manaa siree korti
Tuun alaa boojjattii[1]
Hantuuta mana jiruun
Bineensa ala jiruun
Akkam wolii galuun!
♣♣♣♣♣


[1]  Boojjii = qorra, dhaamocha, ykn diilallaa jechuudha.  Jechi boojjii jedhu kun, Arsii fi gara biraatti, biyyoo albuuda mi’aawaa of keessaa qabduu kan loon arraaban jechuudha. Biyyeen akkanaa tun Gujitti boolee jedhamti. Warri loon horsiisu, kan gammoojjii loon isaanii hora yoo obaasanu, warri baddaa fi baddaa daree ammoo boolee arrabsisan; biyyoo haya jedhamtu woliin  erga wolitti  makaniin dhuuba.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home