Tuesday, April 1, 2014

Dhugaan Karaa Hin Baddu!



Dhugaan Karaa Hin Baddu!

Dhugaan karaa wollaaltiiree
Daa’imni dhalate,
Harma haadhaatiif bohaa
Bineensi dhaltelle
Mucha haadhaa soqaa
Allaattiin kabbitee
Cuucii guddifattii
Iccittii uumamaa
Dhugaanuu itti himti.

Koromiille suuftee
Sa’a addaan baastii
Saanni rimaa taanaan
Yoom dugda qabattii?

Dhugaan ni salphattii
Yeroodhaaf ni qaldhatti
Seenaa guddaa dabarsitii
Yoomille addaan cittii?
Xurree xiqqoo qabattee
Addabaabayii seenaatti nu geessitii
Kanaafuu, seenaa dhabuu mannaa,
Sanyii dhabuu woyyaa!
♣♣♣♣♣

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home