Monday, April 14, 2014

Gaazexeesittoonni midiyaaleeItoophiyaa adda addaa pilaanii Magaalota Naannawa Finfinneetiif bahe moorman.




Magaalota Naannawa Finfinnee hedduu Oromiyaa harkaa baasuun  bulchiinsa naannoo Finfinnee jala galchuuf  pilaaniin qophaa’ee jira jechuun erga odeeffamuu eegalamee bubbulee jira. Soorgoon Pilaanichaa akka jedhutti, Magaalaan Finfinnee waan guddachaa jirtuuf magaalonni Finfinnee cinaa jiranis Finfinnee dabaaluudhaan guddachuu qabu. Sookoon pilaanichaa garuu,  qonnaan bulaa Oromoorraa lafa saamuufi Oromoota naannoo Finfinnee jiran aadaa, afaan, eenyummaafi qabeenyaasaa saamuu waan ta’ef, ilmaan Oromoo miidiyaalee Itoophiyaa  gara garaa keessa hojjatan marii magaalaa Adaamaatti isaaniif dhihate irratti itti dammaquudhaan kaayyoo pilaanichaa hadheeffatanii mormaniiru.
Gaazexeesitoonni tokko tokko akka jedhanitti,  biyya farra aadaa, afaaniifi eenyummaa Oromoo taate ijaaruun sirrii miti jedhan. Biyyi nuuti ijaaruu qabnus, biyya aadaa,afaaniifi eenyummaa Oromoo kabajjuufi biyya qabeenya Oromoo hin saamneefi hin saamsifne ta’uu qabdi jedhan. Gaazexeessitoonni kunniin itti dabaluudhaan, osoo abbaa mirgaafi aangoo uummata hin mariisisin, karoora waan hunda erga xumaraniin booda,  bifa humnaatiin gadi buusuun sirrii akka hin taane mootummaa afaan mootummaan dhaga’u afaan Amaaraatiin  akeekkachiisaniiru.
Karoora hirmaannaa uummata malee baasuufi waan gubbaadha bahe akkuma jiruun osoo uumanni itti hin amanin itti fe’uun godaannisa taajjabbi kanaan duraa deebisee maddeessa jedhan. Kanaan duras,  magaalli guddittiin  Oromoo Magaala Finfinnee osoo hin taane  Adaamaadha jechuun Oromoota gara Adaamatti godaansisanii, takka osoo hin turin immoo Magaalli guddoon Oromoo Adaama miti Finfinneedha jechuun,  Oromoota akka meeshaa fe’uudhaan Finfinnetti galchuun tajjabbii guddaa OPDOf waan ta’eef, ofirra dhaabatamee yaaduun barbaachisaa akka ta’e gaazexeessitoonniifi hirmaatonni marichaa akeekkachiisaniiru.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home