Tuesday, April 1, 2014

Fakkeessuu?



Fakkeessuu?

Ka’ee fakkeessuuree?
Sobaan dhugaa jedhee
Dhugaa busheessuuree?
Garaan firoomee
Sammuu ootessuuree?

Namuu ana gorsaa
Akkana naan jedhuu
“kan garaa garatti baadhuu
Fakkeessii jiradhuu
Buddeena kee nyaadhuu….”
Dhiiroo way taatiiree!
Garaa bilisoomsee
Sammuu gabroomsee
Of ajjeessuudha moo,
Of jiraachisiiseeree?
Bakkaaf diddii,
Hudduudhaan urgooftuu jedhaaree?

♣♣♣♣♣

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home