Tuesday, April 1, 2014

Haadha Koo



Haadha Koo

Haadha koo haadha dhiira
Kiyya garaan si biraa
Yaaddoo hamtu  si jiraa
Keeti yaanni  na biraa
Abishiir rabbi jira.

Yaaddee bararristee[1]
Gadaamessa dubbistee
Dhala kee gaafattee
Nageya iyyaafattee
Hamtuu tee hin dhage’in
An si dursu jettee!

Garaan kee ni raafamaa
Iddoon irraa cite
An si bira hin teennee
Jiruu tiyya dhiisee
Gaafuu sii yaadu malee hin buluu
Gugdaan gad ciisee!

Galata kee kanfaluuf
Harki na qal’atee
Galanni  na baay’atee
Karaan na dheeratee
Ilma haadha gootaa
Danda’i malan gootaa!
♣♣♣♣♣


[1] Barrearrisuu= jeeqamuu, rifachuu

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home