Tuesday, April 1, 2014

Tokkummaafi Lagummaa


Tokkummaafi Lagummaa

Tokkummaan lagumaa
Ol-aantummaa lagummaa
Lallaggeen[1] lagumaa
Lagi hamaan gannumaa
Kan nama nyaatus lagumaa
Kan addaan nu kutelle isuma.

Riqichaa mukaa diigdee
Hurreelle[2] dabalattee
Worra dikkoo[3] dhaqe
Gamatti hambistee
Haadha ilmoorraa kuttee
Ilmee haadha malee bulchitee
Biyyee gabbataa fuutee
Hartee biyyaa baastee
Beelaaf nu kennite.

Lagaan lagummaa beekkannee
Hammeenna lagummaa arginee
Daagaa sibiilaa hojjannee
Biyyoo teenna baraarrannee
Riqicha sibiilaa ijaarrannee
Gamaafi gamanaa wolitti baanee
Laga tuffataa gubbaa yaane!
♣♣♣♣♣

Caamsaa 2010, Adaamaa.



[1] Lallaggee= ilaalaa lagaa, ladda lagaa, labuu jechuudha.
[2] Hurree =riqaa (riqicha) hidda ykn gaalee mukaarraa hojjatamee kan namni irra ce’u.
[3] Dikkoo=gabaa

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home