Tuesday, April 1, 2014

Obbolessa Koo



Obbolessa Koo

Tiruu garaa aayyaa
Kutattuu sanyii dhiiraa
Obboleessa`akka abbaa
Didaa akka mandiidaa
Qajeelaa akka dende’aa
Qotu akka tiraakteraa
Kennu akka galaanaa
Barumsaan barataa
Qonnaan qotee bulaa
Eentu siin qixxaataa
Maaltuu si fakkaataa?

Dhadette biyyee seentee
Jecha namootaa diddee
“Dhiirti buqqiidhaa,
Iddoo maratti cabdi” jettee
Dhaaduun tee yom ooltee?
Dhadattee biyyee seentee
Obbolummaa kiyya dhiistee
Obboleessa biyyee taatee?
♣♣♣♣♣

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home