Tuesday, April 1, 2014

Goota


Goota


Goonni aduun roobaa
Ho’ifataan  nama hundaa
Hin  turtu guyyaa guutaa
Akkuma dhufteen deemta
Boojjii[1]  namaraa ariitaa
Jaarsa coraa hiikataa
Daa’ima burraaksiistaa
Gootaa, aduu roobaa
Namuu si barbaadaa
Ho’a kee jaalataa
Ati garuu hin turtuu
Maaf akkana jarjartaa?

Goonni lubbuu hin turuu
Maqaan gootaa hin  du’uu
Du’ulle jiraadhaa
Lugni lubbuu turaa
Garuu, osoo jiruu du’a!
♣♣♣♣♣

Adoolessa, 2009 Adaama.


[1] Boojjii=qorra, dhaamocha, dilloo, qabbanaafi diilallaa jechuu yoo ta’u, boojiin ammas iddo tokko tokkotti boolee yookiin biyyoo mi’aawaa haya wajjiin  horiin arraabu kan akka amoolee ille ni ta’a.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home