Tuesday, April 1, 2014

Ka’ee……



Ka’ee……

Ka’ee dhalaa ta’ee
Dhalee dha ta’uu,?
Mo’oo, dhiraa ta’ee
Ulfaa fi dubbii
 garaa nama kaa’uu?

Ka’ee fuudha moo
Ka’ee heerumaa?
Eeboo bitaa qabaa;
Siinqoo mirgaa qabaa
Dhiira- dhiira hin taanee
Dhalaa-dhalaa hin taanee
Bara akkamiitti harkaa na qabaa?

Taa’ee bara eegee
Barrilleen na eegee
Taa’ee nama eegee
Namilleen na eegee
An baatii jedhaa eegee
Galgalli ni goobane.
Gaafa goobanaa;
Dhiira ta’ee gumaa[1] baadhee
Dhanquu[2] badallaa[3] nyaadhee
Laguu lagaa cabsee
Aadaa keessaa bahuu labsee
Seera biyyaa cabsee
Deebi’ee karoorse
Gaafa natti ibse.
♣♣♣♣♣


[1] Gumaa =hiika hedduu  qaba: Gumaa midhaan, gumaa midhaanii fi gumaa lubbuu
[2] Dhanquu=waan dame ykn mataa lama qabu
[3] Badallaa=boqqolloo jechuudha. Akka aadaatti dhiirti asheeta (shawwee) boqqolloo kan mataarraa dhanquu qabu hin nyaattu; dubartii nyaata male.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home