Thursday, April 3, 2014

Weenniin gogaa isiitiif duuti


“Weenniin gogaa isiitiif duuti” akkuma jedhamu, qabeenyiifi badhaadhummaan Oromiyaa Oromoo hin fayyadne. “Hanga ija koo maaltuu naaf kajeela jette sareen” akkuma jedhamu hanga lammii ofii maaltu namaaf beeka. Hanga lammiin keenya nuuf dhaqqabutti immoo, bulii weenniin lafa bulte bulaa jirra. Jaarraa tokkoon oli lammiin lammii wajjiin cunqurfame. Ormatu lammii gabroomse; orma jala bulanii akka lammiitti nu bulcha jechuun,   saanni quuphaa (buuphaa, killee, hanqaaquu, okokkaan) buuste jecha jedhu dhugaadha jedhanii fudhachutu irra salphata. Lammii Of dhiisanii lammii ormaa moosisuun, mammaksuma “ijoolleen warraa raafuu nyaattee rafuuf kaattee; ijoolleen ormaa baaduu nyaattee galuuf kaattee” jedhan san taate. Uumanni Oromoo,  jaarraa tokkoon ol qabeenyisaa, afaansaa, aadaansaafi eenyummaansaa saamamaa ture; dhumuu dide malee. Bineensonni Habashaa bifa jijjiirachuun  ilkaan gabroomsuu qarachuun Oromiyatti darbii itti darban.

Duraan yaadni isaanii, “Oromoo barumsarraa kutnee duubatti hambisnee bitnaa…” ture. Galanni qabsa’oota wareegamtoota kanneen  akka Jeneraal Taaddasaa Birruutiif haa ta’uuti, sunis jalaa fashala’e. Har’aan tana garuu Oromiyaa keessatti cunqursaan bifa jijjiiratte bifa ajaa’ibaatiin taasifamaa jira. “Aadaan kee siif kabajame…afaan kee siif kabajame..” jechaa dibbee sobaa itti rukutaa…akka daa’ima boohu sibiila itti rukutanii of dagachisiisan, uummata Oromoo gabrummaa lammeessoo gara gabrummaa dinaagdeetti galchaa jiru. Namni yoo dinaagdeen hin jabaatin baratus humna hin qabu waan ta’eef, har’aan tana karaa kanaan Oromoorratti hojjachaa jiru. Nama Oromoo beekaa, qabaataa fi k.k.f. maqaa ABO tiin yakkaa, burjaajessaa, barumsaafi hojiirraa ari’aa, hidhaa,  qabeenya fi haadha manaa fi k.k.f. irraa saamaa, ajjeessaa turan; ammas ittuma jiru.


Yeroo amma kana siyaasa Itoophiyaa keessatti namni barate 'wallaalaa', hiyyeessa, tuffatamaa fi kan sagalee hin qabnee isa. Beekaan, sooressiifi kan sagalee yookiin fudhatama qabu immoo nama hin baratin.  Namni barate yoo xiqqatee xiqqate,  shiraafi daba hojjatamu yoo argu gaaffiin samuurraa itti dhihaachuu waan hin oolleef,  akkasuma akka harreetti waan namaaf hin ergamneef haalli amma Itoophiyaa keessa jiru nama barate kan simatuu miti. Mammaaksa kana itti amanuu baadhus mammaakuuf dirqameera. Mammaksichi akkana jedha: “Nama qe’ee abbaa keetii saamu, wajjiin saami…” Namoonni mammaaksa kanatti amanan,  namoota Oromiyaa saaman wajjiin hiriiranii saamsisanii saamaniiru…lafa Oromoo keessumattuu naannawa Finfinneetti qonnaan bulaa irraa buqqisaa daldalaa turan/jiran. Maqaa mana jireenyaatiifi invastimentitiin ‘chabachabaa’ turan/jiran. Amma immoo sirumaa maqaa guddina woliinitiin jechuun pilaanii haaraa qopheessani magaalota naannawa Finfinnee jiran Oromiyaa harkaa baasuuf shira xaxaa jiru.

 Mootummaan Itoophiyaa TPLF'n durfamu,  qabeenya guddaa kuufachaa ture/jira. Qabeenyi maqaa mootummaatiin jiru hedduun kampaanota biyya alaatiif gurgurameera. Karoora guddinaafi tiraansifoormeeshiinii jedhanii waggaa shaniif qabamee midiyaan faarsaa ture; akka karoora ifatti jiruutti, 'Itoophiyaan biyya dinaagdee qonnaan durfamturraa gara Indaastiriitti  wagga tokko booda ni ceeti' kan jedhuudha. Akka karoora dhoksaatti, Tigiraay gara Industiriitti ceesisuudha. Har’a Tigiraay Industiriin eessa jirti? Naannoleen biroo hoo eessa jirti? Gaaffii kana uummata Itoophiyaatiif dhiisee jira.
.
Kan nama dhibu garuu, mootummaan Itoophiyaa kan TPLF’n durfamu,  erga qabeenya guddaa kuufatee  as,  boqqonnaa haaraa kan dinaagdee banate. Mee kampaanota guggurda biyya keessaa eenyutti harkaa qabaa? Hojjattoonni achi keessa hojjatan hoo? Wanti biraa haa hafuutii, 'quraaliyoofi liwwaacii' Finfinnee keessa kan hojjatu eenyuu? Kondominiyeemii Finfinnee dhugumaan kan itti gale jiraattota harka qalleeyyii Finfinneeti moo uummata Tigirayiitii....? Mootummaan Itoophiyaa kan TPLF’n durfamu, kappitaala guddaa kuufachuusaa erga mirkaneeffateen booda, hanga mala haaraa malatutti, “kennaan lafa magaalaa ni dhaabatte…” jechuun labse. Mootummaan garee tokkoof looge kun,  naannolee hunda akka durse erga mirkaneeffateen booda,  seera lafaa  “lafti liiziidhaan kennamuu qabdi” “namni lafa barbaadu caal-baasiidhaan dorgomuu qaba…” jechuun iccittii dhoksatti qabatee ture gadi baase. Mee dhugumaan yoo dubbanne, kan maallaqa qabu eenyu? Kan dorgomuu danda’u  eenyu? Deebiisaa isinumaaf dhiisa. Asirratti mammaaksa yookin jecha Jomoo Keenyataa yaadadhe, “Warri adiin gaafa biyya keenya dhufan macaafa qulqulluu malee humaa harkaa hin qabanu; erga dhufaniin booda waaqa kadhannaa ija dunuunfadhaa nuun jedhan. Yoo nuuti ija/ila banannu nuuti macaafa isaanii harkaa qabnaa, isaan lafa keenya harkaa qabu.”

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home