Tuesday, April 1, 2014

Lagaan na hinyaaminaa!



Lagaan na hinyaaminaa!



Lagan na hin yaamina
Gandaan na hin yaamina
Lafaan na hin yaamina
Gosaan na hin yaamina.

Kaloo natti hin jaarina
Godinaan na hin yaamina
Waaqaafi lafa sodaadhaa
Gujii naan hin jedhina
Boorana naan hin jedhina
Arsii-Baalee Shawaa
Wallagga-Jimmaa-Iluu
Karrayyuu-Walloo-Raayyaa
Akkasuma Ituu-Humbanna
Akkanaan na hin yaamina.



Oromoo naan jedha
An dhala Oromooti
Ilma abbaa Gadaati
Lafaan wal qooduun
Gosaan wal qooduun
Aadaa keennaa motii
Orma nu barsiisee
Ormille tolaaf motii
Bittaaf nu barsiisee
Tooftaa qooddaafi bittaa
Oromiyaarratti diriirsee
Woggaa dhibba tokkoof
Duubatti nu deebise.

Waaqaafi lafa sodaadhaa
Godinaan na hin qoodina
Lafaan na hin qoodina
An dhala Oromootii
Obboleessa keessanii
Ilma abbaa Gadaati
Ofitti na qabadhaa
Oromoo naan jedhaati.

Ormi gosa hin beettuu
Ormi lafa hin beettuu
Oromoo sodaatti
Walumaa qabdeetii
Garuu,
Addan nu baasuuf
Halkanii fi guyyaan hojjatti
Lafuma abbaa tokkoorratti
Daangaa qopheessitee
Irra wal-fixaa jetti
Gaafa isin wal-fixxanu
Gaafa isin wal-qooddanu
Umrii dheereffadha jetti.

Wallaala maal godhuu
Wallaalaa maal godhuu
Ilmaan abbaa tokkoo
Diinaan gowwoonfamtee
Ajjeeftee wal-dibattee
Dhiigaan wal-balleessitee
Waaqa, kanaaf ta’aa laati
Kan harka diinaatti nu kennitee!

Yaa Oromoo,
Araara waaqa gaafadhaa
Margaa jiidhaa qabadhaa
Wal-jibbuu kakadhaa
Lafaan na hinyaaminaa
Gosaan na hinyaaminaa.

An dhala Oromooti
Obboleessa keessanii
Ilma abbaa Gadaatii.

Humni gaafa qaraa
Tokkummaan inni duraa
Gaafa fardaan lollu
Diina ariinee gussinee
Gaafa boollaatti naqnuu
Gaafa holqatti naqnu
Dachee Oromiyaa
Bal’isnee qabannee
Gaafa bilisa baasnu
Humna   san maal gooneeti,
kan harka diinaatti kufnuu?

Gubadhee boba’ee
Jiraachuu dadhabee
Maqaa Oromummaatiin
Gaazii ibidda biraa ta’ee

Ormi dur nu sodaattu
Hanga keenna argitee
Soda keennaa dhiiftee
Nurratti mammaakutti kaatee
Akkana nuun jettee:
“Baay’inni  Oromootii fi
Baajenni gammoojjii
Bu’aa hin qabu” jette!?

Yaa Oromoo lagaan wal- hin yaamima
Lafaan wal-hin yaamina
Walirraa baqattanii
Lagaan wal-qooddanii
Adda addaan yaatanii
Yaatamuuf of hin mijeessina.

Midhaani kiiloo digdamaa
Digdamaan qoodamnee
Digdamaan yoo daaksifanne
Kamtuu baabura kassa hafee
Kamtuu baabura keessaa bahaa?
Garuu,
Adoo[1] wal-jaalannee
Nuusa tokkotti naqannee
Bakka tokkotti daaksifannee
Walumaan nyaannee dhugnee
Silaa quufnee bulle
Ahaa…
Yaa Oromoo addaan na hin baasinaa
Lagaan na hin yaaminaa
An dhala keessanii
Ilma abbaa Gadaati.

Yaa Oromoo saba koo
Osoo karaa deemuu mixii yaa’u argee
Lammii koo yaadadhee
Mixii beektuumitiree?
Mootii addunyaa kanaa
Mootii bineensotaa, mootii iibbiisotaa
Qaamnisaa bar hin jiruu,
Kan isa mootomse kunoo tokkummaadha!
♣♣♣♣♣
Sadaasaa, 2008 Adaama.






[1] Adoo = osoo, utuu, od jechuudha

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home