Gaazeexessaa
Gaazeexessaa
gaazexeessaa sittuu ogeessaa
Eelaa
qubaa tana dhoosi nu keessaa
Rakkoo hawaasaa baasi nu keessaa.
Immaanaa uummataa baattee
Halkanii fi guyyaan kaattee
Argulle hin dhiisuu jette
Fidulle maal godha jette
Kan kee sa’a ibidda dhalte
Dukkanaan qurxummii nyaatte.
Beela ijaa quubsiteertaa
Gurra dheebuu baachee jirtaa
Boqqonnaa nagaatti dhaamtaa
Akka sombaa kaan hojjatta
Lubbuu
kee hundaa woreegdaa
Ati biyya kee jaallattaa.
Hiyeessaaf sittuu afaanii
Dureessaaf suma dalleenni
Hujii kee kanaan beekanii
Abdille sirra kaa’anii
Yoo dhiituu fi yoo bariiteen
Dubbadhu hin cal’sinii
Yoo gannaa sittuu riqichaa
Yoo bonaa sittuu gaaddisaa
Yoo nyaata sittuu nyaachisa
Yoo boyaa sittuu boochisa
Afaan kee yoo saansamelle
Fuulaa fi harkan haasawi
Cadhistee dhugaa hin dhossinii
Qarruu aannanii nyaatanii
Dhadhaaf cancala raasanii
Eessumaa dhadhaa baasanii.
Kun hundi yoom si hifachiisa
Kan kee ammoo an maal-dabarsaa
Manni siif laguu hin jiru
Namni siif laguu hin jiru
Bakki siif laguu hin jiru
Namni
hundinuu qixa siif tiruu
Dhugaa dabsuun sibira hin jiruu
Siif kennuu waaqayy jiruu
♣♣♣♣♣
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home