Finfinneefi Naannawashii nurraa fudhachuuf shirri xaxame: Kan ‘an abbaa keessan’ nuun jedhus, hanguma kormi lukkuu iyyee culullee jalaa cuucii yaasus nuuf iyyuu dadhabe.
Heerri Mootummaa Itoophiyaa keeyyata 49 buufata
xiqqaa 5 jalatti, uummanni Oromoo
tajaajila misoomaa adda addaafi dhiheessiiwwaan gara garaa argachuu akka qabbu
lafa kaa’a. Faayidaan addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu kunis, labsii
seeraatiin ifa ta’a jedha. Ani akka dhalataa Oromorraa dhaladhe tokkotti wanti
taajjabu, erga heerri mootummaa RDFI kun raggaasifamee waggoottaan 20 ol darbanii jiran. Labsiin dhimma
kanarratti baatee ille hin jirtu, nama ‘abbaa kanaa?’ jedhee dhimma kana
dubbatelle hin agarre. “Ilmoon abbaa qabdu hin dabbasooftuu; hin hiyyoomtu”
akkuma jedhamu, waggootaan hedduuf abbaa dhabnee abbeeraan nutti taphate. Ilmaan
abbaa hin qabne akkuma fedhanittiifi bakkuma arganitti yoo reebanis, abbaa sodaatan hin qabanu. Kan ‘an abbaa keessan’ nuun jedhus, hanguma kormi lukkuu iyyee
culullee jalaa cuucii yaasus nuuf iyyuu dadhabe. Teessuma paarlamaa Itoophiyaa
keessatti yoo naannolee biraatiin wal-bira qabanu, harka guddaan bakka bu’oota naannoo
Oromiyaa ta’anus, waanuma gubbaa gareen
muraasni jedhan qofa mirkaneessuuf yoo jarri harka baasaa jedhaniin, isaan ‘harkaafi
luka’ baasuun raggaasisuu malee, ‘kun faayidaa Oromoo tuqa’ jedhanii gaafa
isaan morman tokkolle hin argine; hin dhageenyes. Haa taatu malee, erga ‘harkaafi
luka baasaniin’ booda “dubbii akkasii sana hin jaalanne garuu sodaadhee harka
baase male…” jedhaa yoo alatti haasa’an dhaga’amuunis hin dhibamne.
Gama Mootummaa Naannoo Oromiyaatti
yoo deebinu, mirga Oromoo waan kabachisiisa Caffeen Oromiyaas wanta addatti
Oromiyaaf qopheesse yookiin faayidaa Oromoo kabachiisuuf addatti falme hin
qabu. Caffee Oromiyaas ta’u, waanuma Wayyaanneen iddoo Xowollaay, Biir-shalaqoofi k.k.f. tumtee
siyaasasaanii lilmoon kenniteef, gadi
deebi’anii uummata Oromootti kara raadiyoofi Tv tiin labsani. Dabballoonnis waanuma
miidiyaan Itoophiyaa lallabuufi waanuma kaadireen gubbaa jedhan, waanuma xiqqoo kuma digdamaan baay’isaanii
gurraafi ija uummataa doomsu. Labsiilee uummata Oromoo miidhan kanneen akka
labsii shororkeessitootaa, ta’e jedhanii maqaa ABOtiin Oromoota shororkaafi
burjaajii itti dhiisuuf akka bahe beekamaadha. Labsii hedduu mirgaafi qabsoo Oromoo
gadi bustuuf fudhatama kennuu malee,
OPDOnis hanguma korma lukkuus iyyitee miidhaa Wayyaanee uummata
Oromootti hin himne. “ati hin maraatte moo? Dura OPDO’n nama faayidaa
Oromootiif dhaabate? Harkuma Wayyaanneetiin dhaaba dhaabate ta’uusaa ni
wallaalte moo, maaliif isaan mirga Oromootiif akka quuqamaniif irraa eegdee…? Yoo
naan jettan, isas bareechee beeka; Oromoon OPDO keessa jiru-kan jaalatee itti
galeefi kan osoo hin jaalatin itti gallelle Maqaletti mana ijaarratee waan hin
galleef; akkasuma dhiigni Jeneraal Taaddasaa Birruu keessaa dallane, isaan keessallee ni dallana waan jedhu shakkii
qaba. Wayyaanneenis waanuma kana waan OPDO dursitee hubatte natti fakkaata, namoota akka Abbaa Duulaatiifi garee “Wayyannee
qofa dhageeffachuurra uummata Oromoo osoo dhageeffannee hoo?” jedhan harkaafi
miila irraa ciruun tumtu taasisan. Sana Booda kan dhufes, Alamayyoo Atoomsaa suummiidhaan
iddanii ajjeessan. ‘Mul’ata jaalle Mallas qofa galmaan geenya malee waan
uummanni Oromoo wacu hin dhageenyu” garee jedhan mataa OPDO taasisan.
“Warra tuffatan saree jalatti dhaabu (reebu,
tumu, rukutu)” akkuma jedhamu, habashaan
humna qawweetiin Oromoo waggaa 100f
lafasaarraa buqqisaa, ajjeesaa turaniiru.
Akkasuma suummii warshaasaanii keessaa yaa’uun, horiifi namni keenya lubbamaa, qaamaan hir’uu
ta’aa turuunsaanii osoo beekamu, heerri mootummaa RDFI keeyanni 49/5 Oromoon
magaalaa Finfinnee irraa fayyadamaa ta’uu qaba jedhe ‘mirgaa waraqaa’ ta’us osoo kenneefii jiruu,
habashoonni Finfinnee waggaa dhibba dura
Oromoo harkaa baaste erga heerri mootummaa Federaalaa keenneefis dabalataan
uummata Oromoo harkaa baasan. Oromoon Finfinneerraa faayidaa hawaasummaa,
misooma, barnoota, gibira, beenyaafi
k.k.f. osoo argachuu qabu, amma immoo Finfinnee guutumaa guututti erga
dhunfataniin booda, maqaa misoomaatiin
malanii magaalota Naannawa Finfinnees Oromoofi Oromiyaa harkaa baasuuf as
bahan.
“Namni gadi taa’iif nama kadhatee
gadi teessisan, diriirfatee iddoo ciisaa nama dhoowwata” akkuma jedhamu, gaafa
Finfinneen harkaa nu baate cal’ifnaan, ilmaan Finfinnes (magaalota naannawa
Finfinnee) fudhachuuf soba misoomaa afaan dibatanii, gadi nutti bahan. Lenci rafe waan du’e Wayyaannetti fakkate. Abidda
qoraan dhabee hiyyoome, wayyaanneen huuba taatee to’achuu kajeelte. Kadiroonni wayyaannee
erga karoorasaanii shiraan xaxanii karoorsaniin booda, waltajjiifi fooddaa miidiyaa isaaniitiin fulla’anii “jaalattanis,
jibbitanis magaalonni Naannawa Finfinnee jiran Oromiyaan osoo hin taane,
bulchiinsa Naannoo Finfinneetiin buluuf deemti…” jechuudhaan haasawa doorsisaa taasisan.
Kana kan dhaga’an Ilmaan Oromoo, “Galaanni
lubbuu gahe iddoo du’aa gahe” jechuudhan
kallatti adda addaatiin falmii kaasuun, Wayyaannee rifachiisaa jiru. Hojjattoonni
mootummaa Naannoo Oromiyaa kanneen miseensa OPDO ta’aniifi, gaazexeessitoonni
miidiyaalee Itoophiyaa gara garaa keessa hojjatanis marii bifa leenjiitiin magaalaa Adaamatti
qopheessan irratti falmii cimaa wayyaanneen hin tilmaamne bananiiru. Paartiileen
mormitootaa maqaa Oromootiin biyya keessa socho’anis, dhimma Finfinneetiifi saamicha
naannawa Finfinnee irratti uummata mariisisaa, mormii qabanis miidiyaalee
addunyaa gara garaatiif kennaa jiran. Barattoonni Yuniversiitii gara garaas,
keessumattu barattoonni Oromoo yuniversiitii Jimmaa fi Adaamaa falmii isaanii
dhageessisaa jiru. Weellistootni Oromoos, dabaree isaaniitiin kennaa artii waaqni
isaaniif kennetti fayyadamuun, sarbama mirga Oromoofi saamicha lafa naannawa
Finfinnee irratti weelluun falmaa jiru. Keessumattu, Weellisaa Sabboonaa kan ta’e
Jafaar Yusuuf, “…handura Oromiyaa Finfinnee nu
sarbanii, akka waan beekaa hin qabnee? Akka waan goota hin qabnee…?” jechuun falmii nama mirqaansistu weelluun
falmuusaatiif, qabamee hidhamee reebeeme hospitaala seenuudhaan, lubbuun isaa yeroo kana keessatti du’aa jiru
jidduu jirti. Maatiifi hiriyoonni isaas akka isa hin gaaffanneef
dhoowwamaniiru. Kana qofaa osoo hin taane, barattonni Yuniversiitii Jimmaafi
Adaamaa reebichiifi hidhaan guddaan akka irratti raawwatamaa jiru dhaga’amaa
jira. Tarkaafiin wayyaanneen namoota mirga Oromootiif gaaffii mirgaa kaasaa
jiran hidhaa, reebaa fi doorsisaa jiranis, gaaffiin keenyaa nuuf deebi’u malee qabsoo isaanii akka itti fufaniifi
barattoonni Oromoo Oromiyaa hunda keessa jiran, walirratti daawwachuu osoo hin taane, falmii
waliin akka itti fufaniif, barattoonni yuniversiitii kunneen waamicha
dhiheessanii jiru.
Oromoon kamiyyuu OPDO ille yoo ta’e,
qabxiilee Finfinnee ilaallatu kannee armaan gadii irratti hadheeffate qabsaa’u
qaba.
1. Habashoonni Miniliki Finfinneerra
qubsiise ilmaan Oromoo waggootaan 100 oliif buqqisee jira; dubbiin tun har’alle
ittuma ittuma jiru waan ta’eef dhaabachu irra jira.
2. Afaan, Aadaa, fi eenyummaan uummata
Oromoo Minilikirraa kaasee hanga Wayyaanneetti sarbamaa jiru haa dhaabbatu!
3. Suummiin warshaaleefi udaan Habashaa waggaa
100 caalaa Oromootaafi horiisaa naannawa Finfinnee lubbuu fixe, fayyaa miidheefi qaamaa hir’uu taasiseef
beenyaan haa kafalamu!
4. Suummii, manni fincaaniifi keemikaalli
warshaalee naannnoo Finfinneerraa laga
Oromootti gadi dhiifamu hataattamaan dhaabachuu qaba!
5. Afaan Oromoo kutaa bulchiisaa (kiflee katamaa)
Finfinnee 11 hundaafi Aanaalee 116 hunda keessatti manni barumsaa Afaan
Oromoo oolmaa daa’immaanii irraa ka’ee haa banamu!
6. Finfinneen mootummaa naannoo Oromiyaa
jala galuu qabdi-Finfinneen lafa Oromooti; magaalaa guddoo Oromiyaati!
7. Biiroolee Oromiyaa Finfinnee kesessatti hojjachaa jiran, gamoowwaan namoota dhuunfaa, mana amantaa
Ortodoksiifi mootummaa irraa kireeffachuu dhiisanii bilisaan fayyadamuu yookiin lafa fudhatanii
gamoo ijaarrachuu qabu!
8. Finfinnee keessatti afaan hojii afaan
Oromoo ta’uu qabu!
9. Hojjattoonni naannoo Oromiyaarraa
bifa jijjiirraatiin gara Finfinnee yoo
dhufuu barbaadan, haal-duree tokko malee, dursaa argachuu qabu. Kanaan dura garuu
Tafarraa Waalwaafi Kumaa Dammaksaan hojjatoonni naannoo Oromiyaa jijjiirraan gara Finfinnee dhufuu akkan hin
dandeenye waan mallatteesaniif, galmeen
mallattoo sun gubatee…uummanni Oromoo hojjataan mootummaa ta’e, jijjiirraan Finfinnee jijjiiramuu yoo fedhe galuu danda’uu qabaachuu qabu!
10. Miidiyaaleen akka FM raadiyoo afaan Oromoo finfinnee keessatti
banamuu qabu-Oromiyaa FM jechuudhaan Dhaabbanni Raadiyoofi TV Oromiyaa, “Finfinneerraa
isinii darba” jedhaa Adaamaa irraa qabiyyee FM osoo hin taane olola
forfoqaadda(propaganda) Adaamarraa Raadiyoo Oromiyaatti hidhuun kan dabarsu male, Finfinnee keessaa akka hin taane akka hin
taane barumu qaba. FM Finfinnee jechuun kan uummata sobaa jiranis baramuun
dhaabachuu qaba.
11. Finfinnee keessatti manneen muziyeemi, tiyaatirri, jiddu galli
aadaa Oromoo jiraachu qaba!
12. Gaazeexaafi Barruuleen Afaan
Oromootiin Finfinnee keessatti maxxaffamanii
raabsamuu qabu!
13. Koobni Habashaa-Hayilessillaasseen
itti falfalee aspaaltii kiiloo afurii ‘bete mengistii’ gadi jalatti qotee awwaale ture, kan nammi achirraan darbu hundi coraan
suugajja’ee falfala ekeraa saniif
sagadee darbu qotamee bahuu qaba. Yoo kiiloo afurii gara adda babbayii
Masqalaafi Laga Harree (laga Haar)
deeman, fuullee masara Pirezidaantii Itoophiyaa duratti koobni (tulluun)
aspaaltii xiqqoon konkolaataa darbattee namni hundinu akka rifatu kan taasistu:
habashoonni duraanii falfalaa sagadaa
isaaniitiif kan qopheeffatan akka ta’e
baramee qotamee bahuun sirreeffamutti irra jiraata!
14. Shirri wayyaannee kun, Oromoo
ajjesanii Oromoorratti sirbaa jechuu kan
hin hanqanne waan ta’eef, Oromoonni martinuu kallatti jiran maraa falmii
finiinsuu nurraa eegama!
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home