Qeerramsaa eegee hin qabanu, qabanu gadi hindhiisanu:Warraaqsaa jalqabdee yoo dhiiste of ajjeeste jechuudha (Marxism Theory).
Qeeramsaa
eegee hin qabanu, qabanu gadi hin
dhiisanu! Kun mammaaksa Oromooti. Aaki jedhan waa tufanii; mammaakan immoo waa
himan. Yaa Oromoo! falmii jalqabde kana addaan hin kutin; yoo addaan kutte,
nyaatamte. Nama nyaataa kan ta’e, mootummaan wayyaannee tokko tokkoon guuree si
qala. Fincila uummataa kanaan guyyaa tokkofis ta’u, iddoon tokkoofi tokko
bilisoomanii alabaan irratti
mirmirfamuunsaa miidiyaalee hasasaa gara
garaarraa argineerra. Amma fincilli kun yoo dhaabate, akkuma mootummaan yeroo
ammaa midiidiyaasaatiin farreen nageenyaattu kana raawwate jedhaa jirutti, kana
booda Oromoota hundaa, farra nageenyaa
godhee tokko tokkoon fixa. Taa’anii du’uurra falmachaa du’u wayya. Hayyuun
beekaman Kaarl Maark yookiin Maarkizim
tiyooriin akka jedhu, Warraasa yoo jalqabdee dhiiste, of ajjeeste jechuudha
jedha. Marree Tiyooriin Oromoolle, qeeramsa eegee hin qabin, qabdu gad hin
dhiisin jedhaa mitiiree? Qeerramsa eegee yoo qabde, ajjeessuu qabda; yoo gadi
dhiiste si nyaata waan ta’eef.

Anille
hordofaa amantaa Kiristaanaati. Daa’imummaa kiyyaa kaasee amantaadhaan
guddadhe. Maqaa kiyyaayyuu mishiinerootatti Daani’eel naan jedhe malee, maqaan koo kan dhalootaa Saafoyii ture-saafaa lafaa
dhaladhe jechuuda. Amma waa’ee koo dubbachuu osoo hin taane, anis kitaaba
qulqulluu nama dubbisuufi leenjii kitaaba qulqulluu yeroo tokko tokkotti nama
fudhateedha. Dubbuma lallabaa wangeelaa Waaqee deeggaruu fedheedheti. Kitaabaa qulqulluu
keessallee iddoon akka ati mirga keetiif
qabsooftuufi garbummaa lammii keetiitti akka garaa hin jabaanne argaasiisu
hedduudha. Mee isaan keessaa kitaabilee kakuu(Gondooroo) haareyaa fi Dullacha
keessaa iddo tokko tokko haa ilaalluuti. Kitaabaa Seera Bayiisaa(ኦሪት ዘጸአት:Exodus
2:11) irratti akka jedhutti, “guyyoota hedduun dubbatti akkana ta’e; Muuseen
guddate. Gara obboleeyyaan isaa dhufe. Rakkinya isaanilleen ilaale; namni
Gibxii tokko gosa Muusee kan ta’e Ibiraawicha tokko yoo reebu/dhaanu/rukutu
arge. Aaree mirgaafi bitaa ilaale,
namicha lammii muusaa dararaa ture tokko ajjeessee...” jedha. Namoonni seenaa Muusee kitaaba qulqulluu keessatti
dubbisnu ni beekna. Muuseen masaraa mootummaa keessatti guddate; haa ta’u malee,
garbummaan sabasaa isa gube, isaa
aarsee. Masaraa mootummaa keessa ta’ee osoo sabnisaa garbummaa keessa jiru taa’ee
cooma murachuu hin barbaanne. Sabasaa garbummaa jalaa baasuuf waggoottaan 40
dhama’e. Kanaafuu guyyaa akkanaa kana, namoonni saba Oromoo ta’e, namoota saba
keenya garboomsaa jiru wajjiin hiriirtan, muusee Oromoo ta’aa. OPDO Muusee
Oromoo ta’i. Loltuu Muusee Oromoo ta’i…..
Kitaabni
lammeessoo, Wongeela Luqaas 19:45 irratti akka jedhu, Iyeesuus namoota mana
kadhaa keessatti daldala adda addaa gaggeessa turan, akka mana kadhaa keessaa ari’e dubbata. Mana kadhaa,
mana duuriyyee yookiin kashilabbee maaliif gootanii? Jedhaa akka namoota mana
kadhaa keessaa basse/ari’e/gusse wangeelli ni dubbata. Dubbiin karaa hamtuun
yoo dhufte, kan cubbuu tokkoo osoo hin
qabaatin ilmaan namaatiif du’e, Iyeesuus Kiristoosille aarsitee turte. Kanaafu,
ati nama beekumsa xiqqaan nama hundaanuu diinnis obboleessa kan jettu dhaga’i. Manni haadhaa teeti Oromiyaa yoo dinaan
saamamu caldhistee hin ilaalin. Yoo dacheefi qabeenya biyya keenyaa diinni
ittii daldalu caldhistee hin ilaalin. Yoo diinni afaan Oromoo dubbataa, afaan Oromootiin daldalu caldhistee hin
ilaalin. Nama jibbi jechaa hin jiru, mirgaa keetiif falmadhu. Bineensis ciisee
hin du’u, hanga danda’etti ofirraa falmata. Waaqni garboomii nama jalatti buli
hin jenne. Ammas irra deebi’ee sitti
dhaama; nama beekumsa xiqaadhaan karaa
amantaatiin uummta diina jalatti gaaditu, ofirra dhaabadhuu of ilaali. Seenaa Muuseetiif
seenaa Iyyeesuus mana kadhaa keessaa duuriyyee ari’e kana haala yeroo ammaa
Oromiyaan keessa jirtuun wal-qabsiisaa xiinxilaa.
Dubbiin
tun duraanuu raagaan dubbatantee jirti. Kitaaba raaga Daani’eel 11:40-45
irratti mootummoonni abbootii irree fincila uummataatiin akka kufan dubbata. Akka
kitaabni qulqulluun kun mirkaneessee kaa’etti,
biyyoota mootummoonni abbaa irree fincila
uummataattiin kufan Gibxii, Liibiyaafi Itoophiyaa jedha. Ajaa’iba! Maarree carraan
Gibxiifi Liibiyaa dhumeef; arginee jirra. Kitaabni qulqulluun hin sobu waan ta’eef,
kan Itoophiyaalle jalqabamee jiraa waan ta’eef, waaqayyoo akka galmaan geenyu
nuu haa gargaaruti; Ameen!!!!! See: http://www.yaadannoogaazexeessaa.blogspot.com for more information.
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home