Fincilli barattootaa Naannoo Somaaleettis ce’e: Ambotti eda reeffi nama lamaa muldhate:fincilli baratootaa fincila uummataatti geeddarame
Oduu
ammaantan guyyaa 4/5/2014 (26/08/2006) nu gaheen, Naannoo Somaalee
Yunivarsiitii Jigjigaatti gocha
suukkanneessaa ajjeechaafi hidhaa barattootaafi uummata Oromoorratti mootummaan
raawwatamaa jirufi saamicha lafaa naannawa Finfinnee ilaachisee Baratoonni
Oromoo hiriira mormii bahaniiru.
Oduu wal-fakkaatuun, magaalaa Amboo keessatti eda reeffi nama
lamaa du’ee argamuusaa Oromiyaa Miidiyaa Neetiwoorkiin gabaasee jira. Achuma
Magaalaa Ambooti osoo hin bahin, Magaalaa Amboo keessatti poolisoota Oromiyaa
irraa meeshaan waraanaa hiikamuun, magaalittiin loltuu fi poolisii
federaalaatiin marfamtee jirti. Magaalaa Amboo qofa keessa hanga ammaatti
namoonni du’an 16 gahuun himame jira. Bifuma wal-fakkaattuun Abbaa Duulaa
Gammadaan kaleessa uummata Amboo dhaqee dubbisuun gaaffiiwwaan Uummataa Amboo
irraa itti dhihaateef, humna isaatiin ol
akka ta’eef guyyaa Wixata dhufuutti beellama
akka qabatee OMN gabaasee jira.
Hiriirri mormii barattootaarraa ka’e gara fincila uummataatti
jijjirame kun, godinaalee Oromiyaa harka caalu waliin gahee jira. Mormiin kun, hanga kaleessa galgalaatti aanaalee
godina Shawaa Lixaa Shanan, Xuqur-hincinnii, Ijaajjuu, Geedoo, Baakkoofi
Iddaannotti adeemsifamaa akka ture, Oromiyaa Miidiyaa Neetiwoorkiin gabaaseera.

Godina Haragee Lixaa Galamsoofi Araddaalee/aanaalee gara garaa keessatti gocha suukkanneessaa ajjeechaafi hidhaa barattootaafi uummata Oromoorratti mootummaan raawwataa jiru mormuudhaan uummanni hiriira mormii bahaa jiraachuun dhaga’ame. Godina Qeellam Wallagaa keessattis hiriira mormii taasifamaa jiruun, lubbuun nama tokko darbuun dhaga’ame. Magaalaa Najjoottis, jaartiin waggaa 50 fi namootni lama rasaasaa poolisii federaalaa irraa gara uummatatti dhukaasaniin mada’anii hospitaala seenaniiru. Naannawa akka Jaarsoo, Baabboo, Qilxu-kaarraa fi kkf tti fincilli uummataa akkuma itti fufetti jira.
Oduu wal-fakkaatuun barattoonni Oromoo yunivarsiitiiwwaan akka
Adaamaa, Haramaayaa, Dirree Daawwaa fi Madda Walaabuu keessaa bahuudhaan gara
uummataatti baqachaa jiraachuun dhaga’ame. Gaafa Roobii irraa jalqabee
baratoonni yunivarsiitii madda Walaabuu gara baadiyaatti baqachaa
jiraachuusaanii Oromiyaa Miidiyaa Neetiwoorkiin barattoota achii dubbisuun gabaaseera. Akka
gabaasa kanaatti, barattoonni 6 hanga ammaatti kan du’an yoo ta’u, baratoonni 80 ol miidhaa
irra dhaqqabeen hospitaalaa seenuusaanii
barataan OMN dubbise himeera.
Oduu gara biraatiin, Uummanni Oromoo biyya alaa jiranis, ummaata
mootummaa Wayyaanneetiin ajjeefaman sirna dungoo qabsiisuun yaadachaa jiran.
Biyyoota addunyaa hunda keessatti gocha Wayaanneen uummata Oromoo irraan gahaa
jirtu kana hadheefatanii mormaa jiru. Akkasumas hiriira mormii addunyaa hunda
waliin gahu guddaa qopheessuuf qophaa’aa jiraachuusaanii OMN gabasee jira.
Miidiyaaleen addunyas gocha Wayyaanneen Ummanata Oromoorraan gahaa
jiru kana wal-harkaa fuudhuun gabaasaa jiru. Akka gabaasa BBC tti laakkofsi uummata Oromoo Mootummaan ajjeefamaa
jiran 40 gaheera. Imbaasiiwwaan biyyoota
gara garaa kan Finfinnee keessatti argamanis, sodaa qabanirraa kan ka’een lammiin isaanii gara Oromiyaa yoo seenee
ajjeefamuu waan maluuf akka hin seenne akeekkachiisaniiru.
1 Comments:
This comment has been removed by the author.
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home