Thursday, May 8, 2014

Gaafffiiwwaan anaa Oromoo maraachan!

Dhiiroo ani maraadhee jira; maaltu na maraache Oromummaadha. Worrii biyya keessaa paartileen mormiitu  woggaa 20 ol karaa nageyaatiin nuuf qabsa’an. Garuu jijjiramni tokko hin jiru. Wayyaaneen uummata Oromoo ajjeesee, hidhe, biyyaa ari’ee waan Oromoo jedhamu kana fixuu dadhabe.

Heera mootummas labsiidhaan jijjiiranii  fixan. Mootummaan woyyaanee akka isaa toltutti labsii baasee paarlaamaa Itoophiyaatiif yoo dhissu, miseensonni paarlaamaa Itoophiyaa harkaafi miila baasuudhaan labsii san mirkaneessan. Labsiin immoo kan uummata Oromoo balleessuudha; Wayyaaneen diinni guddaan koo  Oromoodha jettee yaaddi.

Barannelle sanuma, dhiifnes sanuma ta’e! Oromoo ta’uun qofti yakkaafi shakkii ta’e! garbummaan duraanii osoo nuuf gamee jiru,  Wayyaanneen garbummaa dinaagdee keessa nu galchite. Dureessi hiyyoomee; hiyyeessi duroome. Hayyuun doofomee; doofaan hayyuume. Angafni maandhomee/quxusoome,  maandhaan/quxusuun angafoome.  Akka ilmaan maasanuu qe’ee abba keenyarratti hacuucca dadhabne. WBO fi ABO lafarraa balleessine jechaa nutti dhaadachuu jalqaban. WBO’nu Ummataa, uummanninu WBO ta’uusaanii wallaalan.

Aniin Oromummaan marachite, maraataan fayyaalessi lammii koo gaaffii armaan gadii gaafadhee jira:

1.      Warraaksa amma Oromoon jalqabe kana  yoo addaan kute, “qeerransa eegee hin qabanu, qabanu gadi hin dhiisanu” akkuma jedhamu, qeeramsi  Wayyaane aare kun nuun hin fixuu? Qeerransa yoo  eegee qaban ni ajjeesu moo gadi dhiisuu? Qabsoo jalqabne kana yoo addaan kutne, akka yeroo dhumaatiif  awwaalchi keenyas osoo hin mul’atin boolla lafa jalaatti akka awwaalamuuf deemnu beektuu?
2.      Biyya baratee beekaan doofaa ta’etti, biyya doofaan beekaa ta’etti, hireen biyya kanaa maalii? Bu’aan barumsaa biyya kanaa hoo maalii?
3.      Daa’imaa ta’ee yoo Oromoonni biyya alaa, keessumattu biyyoota gurguddaa akka Ameerikaafi dhabbata migoota dhala namaatiif dhaabbanne jedhan kan akka ‘Amnesty International’tti iyyaannoo dhiheesaniifi Oromoonni achitti bahanii iyyan, waanuma ganama san mootumoonniifi dhaabbanni kunnneen fala nuuf kennan seya ture. garuu amma guddadhee qeerrome. Hamtuumfi toltuu, shiraafi dhugaa adda baasuu eegale. Mee asirratti gaaffii xiqqoo lammii koo biyya alaa jiran gaafadha: Mirga keenya Ameerikaan, Ingiliziifi ‘Amnesty International’ nuuf kabbachisiisuu? Ameerikaan faayidaa ofii dursiti moo faayidaa ishee dursitii? Ameerikaan nama humna qabu faana hiriiruu barbaaddi moo nama nama jalatti bulu faana hiriiruu barbaaddi? Osoo murannee, osoo kutannee akka hojjaa yookiin dhaabbii keenyatti hiriirree Itoophiyaa keessatti karaa kamiiniiyyuu eenyutti dura aanaa?????
4.      Gaafaa hojjataa mootummaa tureefi  gaafa biyya ture nama Oromoo of beekuufi eenyummaan itti dhaga’amu hunda akka waan  bullaa/daakuu gingilchaadhaan gingilchanii/meemmessanee huuraafi daakuu/bullaa adda baasanuutti, nama Oromummaan itti dhaga’amu, hidhuun mana hidhaatti, ajjeesuun boolla awwaalchaatti, awwaaluufi ari’uun biyyaa baasuun ture; akka waan ani huura ta’ee biyyatti hafee natti fakkaatee anis biyyaa bahe. Amma ammoo qeerroon biyyaa,  Wayyaanee yoo naasisu osoo biyya keessa jiraadhee jedhee gaabbe. Mee namoonni biyya alaa jirru Imbaasotaafi waajiroota faranjii duratti yaanee iyyuu kana wayya moo,  karaa qabsoo Oromoo kallattii kamiinuu jabeessuu hanga hidhanoootti itti duuluttu wayya jettu? Wayyaaneen Wallagga (Maccaa), Arsii-Baalee, Ituufi Afran Qal’oo (Harargee), Shawaa (Tuulama), Gujii, Boorana, Karrayyuu, fi kkf jechuu hin beektu. Oromoon kamiinuu diinaa Wayyaaneeti; kanuufu nuuti Oromoon kamiinuu,  woliin gaafam diina keenna Wayyaanee  yeroo dhumaatiif wal-qabannee irratti qabsoofaa? Dachii addunyaa keessa faffaca’uun kun fala ta’aa? Hanga biyya alaatti baqannee ardii hundarratti faffacaane, osoo bosonaafi gammoojjii Oromiyaa keessatti hidhannoodhaan faffacaanee qabsoofnee  yoona hin bilisoomnee? Oromoonni biyyota adda addaa keessatti faffacaane, lamummaa biyyoota gara garaa fudhannee  lammii biyya biraa ta’uu moo qabsoo Oromoo kallatti kaminuu faana hirriirraa?
5.      Mootummaa Wayyaanee qawween kuffisu moo, filannooo sagalee/qubaan kuffisuu?
6.      Mootummaan Wayyaanee mootummaa Dimokiraatawa ta’ee mo’atamee aangoo karaa nagaatiin gadi nuuf dhiisa jettanii yaadduu? Keessattu paartiileen mormitootaa karaa nagaan qabsoofna jedhaniif.
7.      Osoo qabsoon Karaa nagaa taasifamu kunuu dhugoomee, mootummaan Wayyaanee mo’ame, Tigiray nuun jalatti bulti moo yoona mirgi hiree ofiin murteefachuu hanga fottoquutti nuuf kabajamuu jedhanii  heera mootummaa keeyyatta 39 hojiirraa oolchu moo Oromiyaa jalatti bulu jettanii yaadduu?
8.      Osoo rifirendeemiin adeemsifamee magaalaa Finfinnee irratti  Tigiretti mo’a moo Amaraatti mo’a jettanii yaadduu? Kan Oromoo haa dhiisnuuti…
9.      Magaalota Oromiyaa keessaa jiran kan Oromooti moo kan saba biraati jettuu? Sabni biyya isaa keessatti magaalaa harkaa hin qabne, nama maagaafi minniin garaa qabdeen garaa garummaan isaa maal? Namni maagaafi minniin garaa jirtu yoo falan yookiin yoo nyaachisanille ni gabbataa/ni furdataa? Reeshoo uummata kan magaalota gurgurdoo Itoophiyaa kan akka Finfinnnee, Dirree Daawwaa, Maqalee, Adaamaa, Jimma, Hawaasaa, Naqqamte, Mooyyalle, Adoola, Shaakkisoo fi kkf keessa jiran mee Amaaraa, Tigiree, Oromoo jedhaati qoodaa. Oromoon  naannoo Amaraafi naannoo Tigiraayii jiruufi, Amaaraafi Tigireen naannoo Oromiyaa jiran hoo mee lafa kaa’a. Ani barataa saayinsii hawaasaati, mee baratoonni barnoota saayiinsii uumaama barattan na gargaara reeshoo magaalota gurgurdoo Itoophiyaa keessaa Amaara, Tigiree fi Oromoo adda naaf baasa.
10.  Mammaaksi Wayyaneen uumte tokko kan ‘baay’inni Oromootiifi baajenni Somaalee bu’aa hin qabu’ jedhu tokko isin hin aarsinee? Seenaa kana jijjiiruufi meeqa keenyatti hojjachaa jirra laata?
11.  Nama humnaan namatti gamu, seeraan ofirraarraa deebisan moo humnaan ofiraa deebisanii? Nama seeraafi heera hin beekne tokko seeraafi heera itti himuun bu’aa qabaa? Seerri/heerri biyya itoophiyaa keessatti hojjachaa jiraa?
12.  Oromoon kamiiyyuu irbaata bilisummaa Finfinnee irratti nyaachuuf dhagaa darbachuu irraa kaasee hanga taankiinfi jeettiin lolutti maal gochuu qabanii?  Yookiin yaadaa furmaataa eenyutti natti himee mar’immaan koo kan gubate kana naaf qabbaneessaa? Gaaffiin koos dhuma hin qabuu mee dura gaaffiiwwaan kunneenuu naaf haa deebi’anuuti lammii kootirraa.

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home