 |
Saakarroo |
Namiifi latti Guji’ii taadhi’i. Gujiin akka hardha duri hin
jirreen itti galtee adoo bookaye hin
badiniin dura, sugaafi ititii qaba. Gujiin durii dulloo, qorii dabaatti hin
nyaatu; qortii dabaalle tee’ee hin qoru. Hardha garuu dhugaan kaleessaa
qaaritee jiduuf fundultee jirti. Qorii dabaatti nyaachuufi qortii dabaalle
qoruun heddummaatteerti. Duri hin jirreen yaatee galtee otootoo nu dhooggite. Ka
nyaatelle nyamii dhabe. Maagaafi minniin lafa guuttee dhiiga nu xuuxxee nu
huqqiche.
Waaqi dur namaafi lafa Guji’iille balchaa godhee dade. Namaafi
lafa Guji’ii tanalle amma balchomi irraa godaane. Haati coniisaan jabbii hin
guddinyelle, haadha loon Guji’ii taate.
Jabileen Guji’ii ta dur gabbattee
burraaxxu, hardha huqqattee roqonsiti. Weenniin
gogaa isi’iitiif duuti akkuma jedhamu, Gujii qabeenna isaatiif bacancaressu’uun
yuuyyessaa jiran. Adoo qabeenni lafa Guji’ii seeran dhalattoota biyyaatiif
oole, Gujii dhiisaatii, Oromoonni obboleyyaan teennaa ta Oromiyaa keessa
jiraatanu duuchinuu, silaa jiruu akka biyyoota Ameerika’aa fa’a jiraanna. Waan akka
malee na baasonfachiisee na laallessu keessaa, isii qabeenya Guji’ii
Allaamuddiin ( Mohaammed Huseen Ali Almuddi) qofaan dhangi’ane moo? Abbaan iyyatu
ollaan namaaf birmataa, mee ijoollee Guji’ii dura isin kanarratti maan jettan? Nama
lafaa dhufu watti nafaa dhufaa; nami keenna hedduun amma lafaa dhufaa jiraa,
mee nama lafaa dhufaa jirtu ani yaadaan rakkadhee natti himi mee fala?
 |
Weeshoo, Laga Dambii (Shaakisoo) |
Ka dhaggeefi dhage’ee na maraache keessaa tokko, Godina Gujii aanaa
Shaakkiso’oo gaara Weshoo jalatti kan argamu Laga Dambii qofa keessaa, Allaamuddiin woggaatti worqii toonii 4.5 qotee guurachaa jira jedha toorri interneeti isaa tokko (http://www.midrocelectro.se/en/wwwmidroccom/Projects/Project-Archive/Lega-Dembi-Gold-Mine.aspx).
Kun bada dhiiroo ka isaan ifatti himatane; ka dhossa’aan saamanu ammoo isinuu yoona dachoon
beeka me! Tooniin 4.5 kun, gara
kuntaalatti yoo deebisanu, kuntaala kiiloo dhibbaa kan xaasaa 140-150 baatuu 45
argata jechu’uu woggaa tokkootti. Ee bada jarana! Beeki kuntaluma tokkooyyuu
adoo Gujiifi kennane misooma lafa Gujii
kana keessaa, ilaafi gurratti uffisa. Worqii inni achii saama jiru kana higa dargiin jigee nami lafa san fudhate Allaamuddiin; waan nama
dhibaa, kanuma isinuu beettanu, dubbii
akka saamicha ta’e akka inni itti agarsiisu, “adoo nami natti dammaqee harkatti na hin qanne saamadha…”
jedhanee akka saamaa jiranu wonni namatti agarsiisa, higa worshaan lafa sanitti
dhaabame omishi worqii bara hundumaa guyyaa dhi’ee bari;u kana
halkaniifi guyyaan saatii 24 guutuu hojjatama. Allamuddiin, worqii qofa adoo
hin ite’in gosa albudaa gara 12 akka dhossaan saamaa jiruufi Allaamuddiin duubaan shuumoleen mootummaa
Woyyaane’ee hororreessa galanee
gaaddidduu sheekichaa jalatti gollatanee akka saamaa jiranu, worri dhaggaafi
dhaggeetti qabanu dubbachaa jiran.
 |
boollaa keessa akka itti qotanu |
Mi’eeffataan hin liqeeffata; ol siqi jennaan Borojji daduu
yaadde akkuma jedhamu, tan Wesho Laga Dambii ka mi’eeffate Allaamuddiin, lafa
Gujii ta worqii qaddu kan akka Saakarroofi Daawwaa Okkotee fudhachuuf itti
aggaamee, Sakkarroo fudhatulle, Ta Daawwaa OKkotee garuu Mallas duunaan diqqoo dubbiin sun achitti
rixxee jirti. Bada jarana, beeka albuunni waan dhumaatii bara! Wol-hin horuu
beekaa! Boru seenaan nu gaafataa beekaa! Adoo nuuti teennuu ormi dhufee adoo
nuun hin gahin saamee lafa onsee deemuu dhiisaati, adoo nuutinuu dhaloota dhufu dhoogganne findhe,
komii seena’aa jalaa hin baanuu beekaa! Albuunni lafa keessaa dhumee jennaan dubartii xuriin irraa sokkitee, ilmaafi intalli hin
dhalatuu beekaa! Taadhomi cite beekaa! Albuunni takka biyyee keessaa dhumee
jennaan, biyyi sun gatii hin qadduu
beekaa!
Biyyi albuuda guddaa
qabanulle ka itti gargaaramu, qeenca
addee buusaati; wayiin yookiin waan
biyyi itti dandammattuun bakka buusan. Akka san albuunni biyyee Guji’ii keessaa saamamaa jiru qeenci misoomaafi guddannaa bakka bu’aa hin jiru. Akka qabeenna isaatti, daandiin Gujii keessa
deemu guguddaan Dillarraa gara Uraagaafi Shaakkisoo, Shaakkisoorraa Daawwaafi
Bulee Horaa, Adoolaarraa Cambeefi Haramfama, Haramfamaafi Nageelle,
Shaakkisoofi Darmee Daamaa, Daawwaafi Areeroo, Bansaa Daayyeefi Girja, Booreefi
Daama, Booreefi Boltuu Girrisaa, Me’ee Bokkoorraa Harsu Haanquufi Uraagaa, Me’ee
Bokkoofi Malkaa Diimtuu, Abaabaa Onkooraafi Roobalee, Harqadhorraa gara Sabbaa
Boruuttiifi kkf aspaaltii ta’uu qaba ture.
Galaanonni gugurdaan akan akka Gannaalee, Daawwaa, Hawaxaa, Booddaa, Abaabaa, Iyyaafi kkf ka ganna dhufu cufa nama keenna nyaatanurratti
riqichi yookiin buusaan sibiilaa cimaan ijaarramuu qaba ture. Makinni Otoobisi’ii
gugurdaan kan gatii rakasaa aja’aan nama keenna addee adde’ee fe’u, bitamee magaalota Gujii keessatti hedduuf
kennamuun male. Mana Jireennaa akka
kondominiyeemii quttuma qachaa yookiin
katamaa (magaalotaa) Gujii cufa keessatti ijaaranee ilmaan Gujii baadiyaarraa
dhufanii kiraa manaatiin quttuma qachaa (magaalaa) keessatti rakkataniif tolaan itti
qubachiisu male adoo Gujii akka qabeenna isaa qananiisane. Dhabbilee barnootaatiifi
kilabii ispoortii adda addaa lafa Guji’ii keessatti
dhaabuun silaa waan malu ture. Warshaan gugurdaan kan namoota heddu’uuf
hiree huji’ii uumuu silaa banamuun male.
Warshaa jennaan waa yaadadhe, jarri lafa Gujii keessaa
albuuda saamuu malee, silaa worshuma Lafa Gujii keessatti dhaabamee nama
meeqatti hujii dhaggataa? Wonni dhaggaa jirru, albuuda lafa Guji’ii silaa kana
worshaan lafa Gui’iirratti banamee jiraattota biyyaatiif hujii uumuu dande’u, warshaa biyya biraatti dhaabuun albuuda
qotanii fe’anii deemaniin. Carraa huji’iille jiraattoota biyya biraatiif
uumaniif. Qabatamaan Biyyee seraamiki’ii ha Boomba’aa (Me’ee Bokkoo) qotanee gara
Hawaasa’aatti geessan. Horiifi nanni
keenna bu’aan inni dhaggate, boolla
isaan qotanu san keessaa bu’uufi hadhaa
(suummii ) isaan lafaafi laga keennatti naqanuun dhumuu ta’e. horiifi nama
qofaa moti, munni, marrii, bisaaniifi qilleensi naannoo Guji’iille du’aa jira.
Dhihoo tana iyyine woreega lubbu’uulle itti baanye aspaaltii
Hawaasaarraa gara Nageellee dhagganne. Bagas dansaa jenne. Yunivarsiitii, Kolleejiifi
Hospitaala; akkasuma birri miliyoona 15 isiniif kennine jedhane; yoona geetteeree? Birriin miliyoonni 15 sunuu eessa seente? Maan hojjatte? Nami maaf gafuu waaqaafi lafaalle hin sodaannee? Qabeenna
keenna ifiif akka haro’oo qeeffatanee eelfataa, nu’uuf akka copha fixeensaa nuuf ameessanii? Mee yoo diqqaate maaf kurre’eefi kokkobbe’eenuu
nuuf hin kennin? Nama rafe yoo wa dhooggatu barbaadanu, “nama rafe garaan gula
fafe” jedhaniin. Ilmaan Guji’ii hin jirruu hin rafina! Worri amma nu saamaa jiru kun, gaafaa lafa teenna xuriin taadhii irraa sokkite, nu gargaranu dhiisaatii, gara
keennalle asi fuula galanee waan midhatanulle hin seyu.
Mootummonnii jeebana durii dulloorraa kaasanelle lafa
sanirraa nyaatuu malee, lafa sanitti
keellaa dhabaane nama keenna maashinii itti xiichaa worqi liqensitee jirta jedhaneenii qabanee hidhane; qorsa obaasanee worqii garaa
baasii nuuf kenni jedhaanii udaan
borchisiisaa turane. Gujiin mi’aafi waan worqii akka hin baranneef, hojjattoota biraa fidanee woraaree
hojjachiisaa turane. Mootiin Hailessillaaseelle yookiin Jaanoyille, worqii
naannoo Adoolaatii guurateen ulfinna
guddaa dhaggatee lafuma Adoolaa ‘kibramangist’
yoo hiikamu ‘ulfinna mootumma’aa’ jechuun Adoolalle maqaa nurraa jijjiire. Higa
maqaa lafaa nurraa jijjiiru, adoo lafa
san misoomaan jijjiiree hoo? Lafi tun badhaatu’u waan isiin male asitti wonni
tokko haa hojjatamuu yoom jedhee? Isa komachuun
halaalatti foon fe’atanii halaala komachuu na fakkeessaa haa dhiisuuti. Gaafas nami
keenna hedduun waan hin baratiniifi hubantii guddaa waan hin qanneef nutti taphatane,
hadha kunoo barannee Gujii maan eenna? Akka masaanuun masaanu’uun, boolla qayyaa teeti udaan itti hannaa, tiyya ammoo
qayya itti qayyanna jetteen jedhan san, yoo damma afaan dibatanee taadhummaa lafa
teennaa kittibaatii maseenummaa woraananu cadhinnee haa ilaalluutii?
Mootummaan dhufee taru
gumaa, qabeenna Guji’ii ka saamu malee, ka waan
tokkolle Guji’iif godhe hin dhaggine ani. Aspaltiifi hospitaala amma jedhamu
kanalle, falmii dhiigaatiin dhagganne. Takka takka uu
arrii jedhanee iyyuulle nama baasa. Silaa haadhuma nama deette caalaalle nanni
namaaf hin beeku, garuu yennaa tokkoofi tokko daa’inni iyyee haadha giddisiisee
harma dhaggata. Higuma daa’inni dhugaa isaa harmaaf boyee waacifulle, qabeenna keennaaf waacifuu maanti nu dhooggaa?
Korma mooti’ii teenee biyya teennarratti barooduu maanti nu dhooggee nu
madhaciisaa? Korma dhuga’aan boorratu biyyeen ila hin buutu jettee motiire
mammaassi keenna!
Ilaafi arrabarraa na hamburaa; Daani’eel G.Areerii.
 |
kaartaa naannoo saamamaa jiruu |
 |
worqii dhagaa keessatti argantu |
 |
albuda gosa adda addaa |
 |
dhalataan biyyaa akka itti jaannu |
 |
dhalattoonni akka itti dararamanu... |
 |
naannoo qanxichaa |
 |
maashineerii ittiin saamanu |
 |
worqiifi dhagaa quwaartzii wolitti uumame |
 |
worqiifi dhagaa quwaartzii wolitti uumame |
 |
Wesho, laga Dambii |
 |
Sheeki, Mohammad, Huseen Ali Muddi |
 |
dhalataan biyyaa shoofaa worshaa yoo curruuqu |
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home