Harkuu
Harkuu[1]
Gurraan hamatamee
Maseeneen komatamee
Ogessaan bakkifamee[3]
Kormaan barbaadamee
Kophasaa tikfamee.
Haati gurraalle,
Aannan gurraa dharraatee
Gurraa kunuunfattee
Rima’uu isaa argitee
Garaa isi’iitti gammadattee
Haada itti dhowattee
Kaloo keessatti hidhattee
Aannan isaa gojomaatee[5]
Okeya itti haamattee
Ammaa fi ammaa lallattee
Ollaa fi fira godhattee
Gooree ijaarrattee
Gaadii qopheeffattee
Okolee qoraafattee
Obsumaan eegattee
Jiinni kudhan guutee
Gurraalle laa dhalte.
Maa jettee madhatee
Watii arraabbattee
Haati gurraalle,
Naqattee kuufattee
Kuufattee raafattee
Addeenna[8]
balleeffatte
Gurraan
cululuqxee
Maal
godhan garuu,
Gaafuma
cululuqaa,
Waatiin
gurraa duute
Qananii irraa fuute
Haati gurraa naatee
Dhaggi dhabii jettee
Sanyoo isiitii himte
Malasaanii malanii
Aanan hindhabnu jedhanii
Harkuu qaabatanii
Gogaafi foon addaan baasanii
Bilawa malee harkaan qalanii
Waati quncisanii
Huura itti duuchanii
Aduu keessa kaayanii
Gogaa goggossanii
Waatii fakkeessanii
Gurraa jala kaa’anii
Gurraa gowwoomsanii
Elmachuuf yaalanii.
Gurraalle shakkitee
Watii isii suuftee
Foolee dhalaa fuutee
Dhimmicha mirkaneeffattee
Hifattee ficiqattee
Gaadii ifirraaa hiikattee
Waatii kajeellattee
Kaloo keessaa baatee
Korma barbaadatte
♣♣♣♣♣
[1] Harkuu =sa’a waatiin jalaa duutee
toleedhaan elmamu. Toleen sobilee jabbii fakkaattu.
[2] Tultuu= yaala sa’aa dhaluu dideef
godhamu. Yaalli kun qaama hormaataa irraa waan kutamutti jira. Kun Oromoo Arsii
biratti Gurdaa jedhama. Gujiitti jechi gurdaa jedhamu ammoo teepha dur mudhitti
hidhamu jedhuudha.
[3] Bakkisuu= yaala sa’a dhala dideef
godhamu. Yaalli kunille afaaniin afuufuudhaan taasifama.
[4] Qumaadate= seeqee, kolfuu jalqabe,
gammade jechuudha.
[5] Gojoma’uu =dharra’uu, kejeeluu, halchuu,
joljoluu
[6] Silla =silga (aannan yeroo jalqaba saanni
ykn goromsi dhalu elmamu)
[7] Qodaa =qabee aannanii( mi’a aannan itti
naqan ykn kuusan)
[8] Addeenna= Dhaba dhadhaarraan kan ka’e
shankallaa’anii daaraa fakkaachuu
[9] Sanyoo =gaarayyuu, jaalaa fi jaaltoo
[10] Boolee =biyyoo albuuda mi’aawaa of
keessaa qabdu kan loon arraabanu (boojji)
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home