Tuesday, April 1, 2014

Baraa fi Jara...



Baraa fi Jara...

Hay bara san
Waa’ee jara sanii!
Odaan keenna muramee
Qorqoorroon dhaabamee
Iddoon waaqeffannaa
Nu harkaa saamamee
Namaa fi lafti hin hafne
Maqaan jijjiirame.

Bonni hamaan dhufee
Namaa fi horii dhunfee[1]
Bona abdatanee
Karoora baafatanee
Galaana nuuf dallayaa
Gogsuudhaaf yaalanee
Bokkaan diqqaan roobee
Guddichi mandinaan[2]
Diqqoo rifachiise.
♣♣♣♣♣


[1] Dhunfee= fixee, ajjeese, lubbuu baasee
[2] Maandiisuu= Hangaasuu, kakkawwee roobaa

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home