Hara Maayaa
Hara Maayaa
Ilaa mee, bishaan haramaayaa!
Maayaa fi maatiin si dhugna
Diqqaa fi guddaan sima qabnaa
Namii fi saanni maayaa siin jirra
Daakiyyeen lagaa siif kaakkisaa
Namuu jaalala keetiif shiim’isaa[2]
Bishaan hara-maayaa,
Ati
garuu goddee baddaa?
Bishaan hara-maayaa,
Goguuf kutattee
Raachaaf dhumattee
Maayalle dheebotee
Sinbirroon godaantee
Goguu kee hubattee
Bonni nutti dhaadatee!
Ati goddee deemtulle
Nuuti ilman maayaa
Waan si dhiifnu seetee?
Qorannoo taasisneen
Raga arganneerraa
Gariin kee hurkaan deemee
Ol gara duumessaa
Gariin kee gad seenee
Gara bishaan lafa jalaa
Woliin mari’annee
Kunoo walii gallee
Falallee argannee
Akkana woliin jenne.
Kan duumessa ta’eef
Biqiltuu dhaabannaa
Roobaan harkifannaa
Kan biyyee lixellee
Soqnee qonnee baasnaa
Dachii maayaa irratti
Gad-dhangalaasnaa
Roorroo bonaa kana
Yoosan jalaa baana.
♣♣♣♣♣
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home