Bishaani na hudhe!
Bishaani na hudhe!
Beela’ee dheebodhee
Gaggabee huqqadhee
Hongeedhaan miidhamee
Aduu keessa tiradhee[1]
Gaaddisa barbaadaadhee
Gaaddidduu tiyyaa rifadhee
Jiruu tiyya hifadhee
Garuu, sobee nyaachuu didadhe.
Bor
naa darba jedhee
Hambaa namaa qocadhee
Afaan keessa kaawadhee
Liqumsuu dadhabnaan
Bishaan birratti qabadhee
Hudhama hambaarratti
Bishaani na hudhee!
♣♣♣♣♣
0 Comments:
Post a Comment
Subscribe to Post Comments [Atom]
<< Home