Tuesday, April 1, 2014

Awwaannisa



Awwaannisa

Si’ii awwaannisa!
Jireenni si gammoojjii
Lafa baala hinqabne,
lafa gara hiqabne
Yoo lalisaa argite
Kan bira hindabarre
Sanyii midhaanii boruu
Tokko kan hinbararree
Hamaa akka keetii
Ijjummaa hinagarre.

Kan dhuftee weeraran
Kan si erge kajeellaa
Ergamni kee balleessaa
Duubi keeti beelaa
Qotatee bulaan yaadda’ee
Yom rafee gad-ciisa.

An namni barate
Waa’ee biqiltoota
Cadhisee hinilaalu
Weerara awwaanisaa
Aara isa ari’u
Ulee itti aarsaa
Yoo socho’uu didee
Midhaan nurraa fixe
Maaya[1] koo itti yaasee
Qorsa itti biifa
♣♣♣♣♣


[1] Maaya =uummata bal’aa

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home