Tuesday, April 1, 2014

Maagaafi Minnii



Maagaa fi Minnii

Eessumaa baatanii
Garaa na seentanii?
Woggaa hedduudhaaf
Na keessa jiraattanii
Garaa na nyaattanii
Nyaata na saamtanii
Dhiiga na xuuxxanii!

Anarra jiraataa
Osumaa jiraattanii
Waan jiraattan seyaa
Ana ijjeesuuf mari’attanii?
Yakkaanuu na biraa
Ana waa balleessee
Aadaa aabboo kiyyaa
Kanin gad dhiise.

Yoona na geetteertii
Yeroon taa’ee aadu
Heexoo[1] fi haanquu[2] aabboon
Qorichaaf fayyadamu
Hidda mara beekaa
Iddoo ‘nni guuramuu
♣♣♣♣♣


[1]  Heexoo= muka qorsummaa(qorichummaa) minniitiif(raammoo koosootiif) dhugamu
[2] Haanquu= muka qorsummaa(qorichummaa) minniitiif(raammoo koosootiif) dhugamu

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home