Tuesday, April 1, 2014

Durbummaa



Durbummaa

Durbummaa qabaachuun
Qarrummaa eegachuun
Guyyaa tokko eegna
Of qopheessuun
Yaa guyyaa sana!
Guyyaa hin beekamine
Guyyaa sodatamaa.

Guyyaa abaaramaa fi
Guyyaa badhaafamaa
Boru kabajamuuf
Har’a ittiin rakkachuu,
Har’a ittiin gammachuu
Boru amoo salphachuu
Guyyaalle dhihaatee
Qeerrichi goomaree
Barri cinqii fidee
Garaan dilbii ta’ee
Cidhi funyaan gahee
Lubbuu harkatti qabattee
Tan duraan jarjarte
♣♣♣♣♣

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home