Tuesday, April 1, 2014

Gaararraa



Gaararraa

Halluu baalaa fi mukaa
Kan biyyee fi dhakaa
Hundumaa fakaatee
Gowwomsee jiraata.

Garuu gaafa tokko,
Gaararraan tirattee
Muka odaa kortee
Dameerra maramaartee
Baala odaa fakkaattee
Risaan adamsituun
Dhuftee bira teettee
Gaararraan jarjartee
Bifa odaa gad-dhiistee
Risaalle fakkaattee
Fakkaatteelle hin jiraannee
Takka turtee nyaatamte
♣♣♣♣♣

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home