Tuesday, April 1, 2014

Baranne Kaa!



Baranne Kaa!

Burraaqne barannee
Barannee gubannee
Jireenyaan dirqamnee
Hujii qabannee,
Jiraachuu dadhabnee.

Dhugaan rooba taatee
Kan jala dhaabatu dhabnee
Kan dhaabbate gowwaa jedhame.

Woyaa baafannee
Waltajjiirratti baanee
Worra qullaatti makamnee
Dannasuu[1] dadhabnee
Biyyaa yaanee
Biyyatti dachaanee
Worra daaree qullaa dannasu
Kunoo daara baasne
♣♣♣♣♣


[1]   Dannasuu =Shubbisuu, dhiichisuu

0 Comments:

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home